Mootummaan Suuriyaa lammiiwwan isaa 13,000 ol Mana hidhaa Saydnaya jedhamutti ajjeesuun gabaafame.
- NuuralHudaa
- Feb 7, 2017
- 1 min read

Gabaasa guyyaa hardhaa dhaabbanni Amnesty International irra bahe akka agarsiisutti, "Mootummaan Suuriyaa waggaa 5 keessatti namoota mana hidhaa Saydnaya jedhamu kan naannawa magaalaa Damashqiitti argamutti lammiiwwan 13,000 ol tahan haala Suukaneessaan ajjeese" jedha. Amnesty International gabaasa isaa kana gaafii fi deebisaa namoota 84 ol tahan wajjiin godhe akka ragaatti kan dhiheeffate yoo tahu, ragoota kanniin jidduu immoo Wardiyoota mana hidhaa, namoota mana hidhaa kanatti hidhamanii turaniif Abbootiin seera kan argaman tahuus ibseera.
Bara 2011-2015 keessatti torbaan torbaaniin namoonni 50 halkan jidduu mana hidhaa keessaa fuudhamanii mana hidhaatiin alatti tumaa fi dararaan guddaan kan irratti raawwatamaa ture ta'uus ibsameera.
Gabaasni kun akka jedhutti; hidhamtoonni muraasni haalli itti ajjeefamanii fi reeffi isaaniitis eessa akka geeffaman hin beekamu. Namoonni ajjeechaan kun irratti raawwatame hedduun isaanii namoota sirna mootummaa Abbaa Irree Bashar Al-Asaad morman tahuus beekameera.
Abbaan Seeraa duraanii kan yeroo ajjeechaan kun raawwatamu ija isaatiin arge tokko,"Namni tokko daqiiqaa 10-15 keessatti fannifamee ajjeefama" jedha.
Amnesty International gochi seeraan alaa fi gar jabeenyaa kun hanga ammaattis kan itti fufe tahuu ibseera. Mana hidhaa guddaa biyyatti Saydnaya jedhamu kanatti lammiiwwan kumaataman lakkaa'aman kan ukkamfamanii argaman tahuus odeeffannoon ni addeessa.
Comments