Yoo Rabbiif jecha taate…
- © Abu Ibtisam
- Jan 24, 2017
- 2 min read

Ummata Banii Israa’el keessa aabida jabaa tokkotu ture. Yeroo isaa hedduminaan Rabbii isaa gabbarutti dabarsa. Osoma haala kana keessa jiru, Namoonni wahii itti dhufaniiti, gosti wahii Muka biqilee jiru gabbaraa akka jiran itti himan. Aabidni kun heddu dalanne. Akkamitti ilmi namaa Gooftaa isa uumee dhiisee, muka gabbara jechuun qottoo fudhatee muka san muruudhaaf manaa bahe. Osoma gara mukaa deemaa jiru, Sheeyxaanni bifa namaatiin itti dhufee isa dura dhaabbate. “eessa deemutti jirta?” jedhee gaafate. Namichis, Muka namoonni gabbaran muruuf deemaa akka jiru itti hime.
Sheeyxaanni ammoo, “Wanti kun si hin ilaallatu, osoo garuma mana keetii deebitee, ibaadaa kee irratti xiyyeeffatte siif wayya. Ibaadaa tee ajrii heddu siif argamsiistu dhiistee, waan faaydaa hin qabneef osoo yeroo kee gubuu baattee siif wayya” jedheen. Namichis, “kunilleen bar Ibaadaadha” jedhee muka san muruuf deemuuf taanaan, sheeyxaanni hin deemtu jedhee harkaan qabe. Achiin lameen isaanii wal aansoo wal qaban. Yeroo duraa Aabidni sun ni moohate. Moohamuu isaa agarraan Sheeyxaanni dhiifama akka isaaf godhu kadhate. Namichis ni dhiise.
Ee wal gad dhiisaniin booda, sheeyxaanichi irra deebi’ee, “Muka kana muruu Rabbiin waajiba sirratti hin goone. Osoo Rabbi muramuu muka kanaa barbaadee, Nabiyyii ykn ammoo Malaa’ekaa tokko ergee isa dhabamsiisa, Muka kana murteef faaydaan argattu takkalleen hin jiru, yoo dhiistes miidhaan ati miidhamtu hin jiru” jedhe. Namichi muruun dirqama kiyya jedhee kara mukaa qajeellaan ammas wal aansoo wal qaban. Yeroo kanas namichi ni moohate. Bakka kanatti Sheeyxaanni humnaan akka moohachuu hin dandeenye beeknaan, mala biraa malate.
Sheeyxaanni akkana jedhe, “na dhagahi, Waan rakkoo tiyyaa fi tee furtu takkaan siif kaaha. Ati hiyyeessa, mallaqa takkallee hin qabdu. Ani garuu dureessa. Yoo muka kana muruu dhiistee gara manaa deebite, an halkan hunda saantima warqii sadi sadi boraatii kee jala siif kaaha. Ati ammoo waan san achii fudhataa waan barbaaddeef itti fayyadamta. fira Kee ittiin gargaarta. Nama rakkatettis ni sadaqatta. Kun ammoo ajrii guddaa siif argamsiisa. Muka muruun garuu dalagaa takka qofa. Faaydaa takkallee hin qabu. Osoo ati harra isa murteeyyuu, bor ammoo namoonni muka biraa dhaabanii biqilchu. Kanaafuu gara manaa deebi’I” jedheen. Namichi yaada tanaan walii galee gara manaa deebi’e.
Akkuma jedhame, guyyaa lamaaf wal faana, saantima Warqii san argachuu danda’e. Guyyaa sadaffaa garuu irraa dhaabbate. Yeroo kana dallanee, ammas qottoo fudhatee muka san muruuf gara mukaa qajeele. Ammas akkuma duraa san sheeyxaanni bifa namaatiin dhufee dura dhaabbate. “eessa deemaa jirta?” jedhee gaafate. “Muka namoonni gabbaran san muruuf deemaa jira” jedhee deebiseef. Yeroo kana sheeyxaanni, “Muka san akka murtu sii hin heeyyamu” jedheen. Kana booda wal aansoo qaban. Yeroo kana garuu Namicha osoo hin taane, sheeyxanatu moohate. Namichi Ajaa’iba itti ta’e. “Akkamitti na moohachuu dandeette?” jedhee gaafate. Sheeyxaannis, “Gaafa duraa san dallansuun ati dallante Rabbiif jecha ture. Akkamitti namni Rabbiin dhiisee waan biraa gabbara jechuun, tarkaanfii san fudhatuudhaaf manaa baate. Saniif ammoo gargaarsa Rabbii keetii argattee na moohatte, Amma garuu, dallansuun kee Rabbiif jecha osoo hin taane, saantima sirraa hafte saniif, Saniif ammoo Rabbi gargaarsa siif hin goone kanaaf moohamte” jedhee deebiseef.
Waan hunda Rabbiif jecha hojjanna taanaan, Rabbiin irraa gargaarsa ni arganna. Waan sanittis ni milkoofna. Yoo karaa Rabbii irraa maqnee fedhinnaa dhuunfaa teenyaaf jecha deemne garuu, milkaahuun nu dhiba. Kanaafuu waan hojjannu hunda Rabbiif jecha haa dalagnu. In shaa Allaah Milkiin addunyaa fi Akherattillee keenyuma taati.
Yaa Rabbi nama karaa qajeelaa irratti sabaata qabaatu nu taasisi
—------------—
NuuralHudaa
Comments