Suuriyaan Israa'eel akeekkachiiste.
- NuuralHudaa
- Jan 13, 2017
- 1 min read

Buufata Xiyyaara Raayyaa waraanaa biyyattii Maziih jedhamu kan magaalaa guddittii Suuriyaa Damashqiitti argamu irratti haleellaan raawwatame.
Waraanni biyyatti haleellaa raawwatame kanaaf Mootummaa Israa'eel itti gaafatamaa godhuun akeekkachiise.
Naannawa magaalaa gudditti kibba lixaatti argamtu irraa sagaleen dhukaasaa, akkasumas aarri guddaan ka’aa ture, suuraa miidiyaalee adda addaa irraatti maxxansame akka agarsiisutti moonaa buufataa xiyyaara waraanaa Maziih kan magaalaa Damashqi irraa abiddi guddaan muldhataa turuu gabaasaniiru.
Tv'n mootummaa Suuriyaa miseensa waraanaa biyyatti tokko “Halkan walakkaa dhukaasni Rokkeettaa naannawa haroo Xibeeriyaas kan kaaba Israa'eelii irraa gara buufata xiyyaara pirezadaantii biyyatti Bashaar Al Assaadii fi qondaaltonni isaa yeroo hedduu itti fayyadamanitti dhukaafame” iedhee kan hime tahuu odeeffannoon ni addeessa.
Ajajaan waraana biyyaatti ibsa miidiyaalee biyyaatiif kenneen; Israa'eel haleellaa kana itti qophooftee raawwatuu ibsuun gocha Shororkummaa kana kan itti fuuftu yoo tahe waraanni biyyattis tarkaanfii fudhatu qabu irraa duubatti kan hin deebine tahuu akeekkachise.
Haleellaan bifa kanaa kun kanaan duraas raawwatamuu mootummaan Suuriyaa ibseera.
Waggaa dabre muddee 7 Israa'eel naannawa buufata Xiyyaara Maziih irratti Misaayila dhukaasuu, akkasumas Jeettiin waraana Isra'eel Misaayiila lama magaalaa Damashq naannawa Sabbuuraa jedhamutti dhukaasuu ibsameera.
Hanga ammaatti dhimma kana ilaalchisee mootummaa Isra'eel irraa ibsi kenname tokkoyyuu kan hin jirre tahuu gabaafameera.
Comments