Gaazexeessituu baqataa Suuriyaa miila isaa sakaaluun kuffifte irratti adabbiin hidhaa waggaa 3 murte
- NuuralHudaa
- Jan 13, 2017
- 1 min read

Ogeettiin Kaameraa lammii Hangaarii kan taate Petra Laszlo jedhamtu bara 2015 ji'a fulbaanaa keessa viidiyoon baqataa Suuriyaa umrii 52 daa'ima baadhatee gara daangaa Hangaaritti cee'uuf fiigaa jiru miila isii jala kaa'uun kuffiste muldhisu miidiyaalee adda addaa irratti eega lakkifamee booda sababa viidiyoo kanaatiin himatamuun adabbiin hidhaa waggaa 3 itti murteeyfamuu odeeffannoon ni addeessa.
Petraan kamisa kaleessaa mana murtii magaalaa Szeged kan kibbaa biyyattiitti argamutti dhihaatuun gocha kana kan raawwatte miidhaa irraa of hambisuuf malee shira raawwatuuf akka hin tahinis ibsuuf yaaltus, manni murtii adabbii hidhaa waggaa 3 kan itti murteesse tahuu gabaasni Rooytersi irraa argame ni addeessa.
Manni murtii gocha ishiin raawwatte kana viidiyoo akka ragaatti dhiyaateef tokko tokkoon eega ilaalee booda murtii kana dabarsuun beekameera.
Abbaan Seeraa yakka kana ilaalaa ture Illes akka jedhutti "Gochi isiin raawwatte kun kan safuu hawaasaa faallesse, sababni ishiin akka ragaa ittisaatti dhiheeyfatte kan lubbuu kiyya hambisuuf kana godhee jettu fudhatama hin qabu” jechuun kan harkaa kuffise tahuu beekameera.
Comentarios