top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Islaamummaa Balleessuuf Karoorfadhee; dhugaa arginaan Islaamaye

  • © Abu Ibtisaam
  • Jan 6, 2017
  • 3 min read

Seenaan kun Kan Shariifaa kaarlosiiti. Lammii Ameerikaa yoo taatu, kaayyoon isii Islaamummaa balleessuu ture. Booda garuu Rabbii onnee isii islaamummaaf banee Musliima taate. Waan isiin jette walumaan haa dubbisnu.

Ani karoorfadhee ture. Gareen an keessa tures karoorfatee ture. Rabbillee Karoorfatee jira. Karoora hunda ka Rabbiitu caale.

Yeroo umrii kiyya kurnan keessa jiru, garee karoora badii qabatee deemu tokkoon hawatame. Warri kun ammas warra qabaan dadhabdee, Ajandaa addaa qabatanii, qaama mootummaa keessa hojjataniidha. Ajandaan isaaniitis islaamummaa balleessuu dha. Isaan qaama Mootummaatii miti, garuu aangoo Mootummatti fayyadamuudhaan fedhinnaa ofii galmaan gahuuf sosocho’an.

Garee san keessaa namni tokko natti dhufe. Namni kun an Mirga dubartootaaf heddu akka dalagu waan beekuuf karaa sanitti na dubbise. Namni kun, yoon ani baruumsa International Relation, kan xiyyeeffannaan isaa biyyoota Arabaa irratti ta’e baradhe, Eembaasii Ameerikaa kan biyya Misrii jirutti akka na ramadu waadaa naaf seene. Yeroo sanittis, dubartoota Muslimaa mana keessatti ukkaamfamanii jiran, mirga isaaniitiif akka falmatan akka kakaasuu qabu natti hime.

Yaadni kun yaada gaarii ta’ee natti mul’ate. Dubartoota musliimaa TV irratti argee ture. Akka cunqurfamaa jiranitti hubadha. Kanaaf gara bilisummaa jaarraa 20ffaa isaan fiduu kajeele. Fedhinnaa tana qabadhee, kolleejjii seenuun, Qur’aana, Hadiisaa fi Seenaa islaamummaa baradhe. Akkasumas jechoota kanniin akkamitti jallisaa akka itti fayyadamuu qabus baradhee jira. Kun mala ajaa’ibaati. Akkuma baruumsa jalqabeen, dhaamsi isaa qalbii na waraanuu jalqabe. Dhaamsi isaa dhaamsa dhugaati. Garuu nin sodaadhe. Kanaafuu rakkoo tana ofirraa deebisuuf jecha Kiristaanummaa barachuu jalqabe.

Baruumsa Kiristaanummaa proofeesara tokko irratti barachuu murteesse. Sababni isaa, namichi sun Yunivarsiitii Harvard irraa baruumsa Amantii (theology)n Ph.D waan qabuuf. Anis barsiisaa gaarii jala waanin jiruuf, qaalbiin tiyya bobboonuu eegalte. Garuu haalli hundi faallaa natti ta’e. Namichi sun waaqa sadeenitti hin amanu. Iyyasuus gooftaadha jedhee hin amanu. Inni Ergamaa Rabbii akka ta’e amana. Waan kana mirkaneessuudhaaf ammo Macaafota afaan Griik Hibruu fi Aramaayikiin barreeffaman irraa ragaa ofii dhiheessa. Kitaabban kunniin Orijinaala yoo ta’an, dubbiin isaan keessa jiru hin jijjiiramane. Profeesarri kun dubbiin eessa biratti akka jijjiiramte nutti mul’ise.

Yeroon baruumsa isa baradhee xumuru, amantiin kiyya guutumaan guututti barbadaawe. Garuu Islaamummaa fudhatuudhaaf hin murteessine. Matuma kiyyaan islaamummaa qorachutti seene. Qorannoo kana woggaa sadihiif godhe. Muslimoota garagaraa waa’ee amantii isaanii gaafataa ture. Warroota an gaafadhe keessaa tokko miseensa MSA(Gamtaa barattoota Muslimaati). Namni an dubbise fedhinnaa kiyya argee amantii islaamummaa na barsiisuu isaa dalagaa kiyya jedhee ofitti fudhate. Carraa argatu hundatti fayyadamuun waa’ee Islaamummaa na barsiise.

Guyya tokko namichi kun, namoonni da’awaaf gara magaalaa teenya akka dhufan natti hime. Akka isaan wajjiin wal argu narraa barbaade. Anis walii galee namoota sanniiniin wal arge. Salaata ishaa’ii booda manatti wal argine. Namoota 20 turan. Bakka naaf qopheessanii, Nama biyya Paakistaanii, manguddoo tokko dura na kaayan. Maashaa Allaah namni kun waa’ee Amanatii Kiristaanummaatis sirritti beeka. Ani fi inni Qur’aanaa fi macaafa irraa halkan guutuu haga Fajiriitti waliin haasawaa, wal mormaa turre. Halkan san guutuu eega wal mormaa dabarsinee booda, waan namni biraa san dura dalagee hin beekne, namni sun dalage. Gara Islaamummaa akka seenu na affeere.

Waggaa sadan dabran keessatti, namni takkallee na affeeree hin beeku. Namoonni heddu islaamummaa na barsiisanii jiru, naan mormanii jiru, akkasumas na arrabsanii jiru, garuu tokkoon isaaniillee gama islaamummaa nan affeerre. Affeerraan isaa qalbii na sossoose. Yeroon islaamummaa fudhachuu qabu yoo san akka ta’e hubadhe. Islaamummaan dhugaa akka ta’e beekee jira. Murtii dabarsuu akka qabus ofirratti beekee jira. ALHAMDULILLAAH Rabbillee qalbii tiyya islaamummaaf bane. Anis Muslima ta’uu murteesse.

Namni sun, Shahaadaa Afaan Arabaa fi Ingiliffaan na jechisiise. Yeroon shahaadaa fudhadhu san, wanti haarafni wahii qaama kiyyatti natti dhagahame. Wanti ulfaataan tokko qoma kiyyarraa akka ol fuudhame hubadhe. Hafuurri yeroo san fudhadhe, hafuura reef haarawa yeroo jalqabaaf fudhataa jiru natti fakkaate. ALHAMDULILLAH, Rabbi jireenya haarawa naaf kenne. Carraa gara jannataa ittiin seenu naaf mijeesse. Jiruu tiyya hafte, Musliima ta’ee jiraadhee musliima ta’ee akka du’uuf Rabbii kiyya kadhadha.

Aamiin

NuuralHudaa


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page