Xiyyaarri Ruusiyaa kan nama 92 fe'ee gara Suuriyaa imalaa ture galaana keessatti kufe.
- NuuralHudaa
- Dec 25, 2016
- 1 min read

Xiyyaarri waraana kan namoota 92 fe'atee Suuriyaa magaalaa Sadiqaa jedhamtutti osoo imalaa jiruu galaana gurraacha (Black Sea) keessatti kan kufe fi namoonni keessa turanis hundi kan du'an tahuu miidiyaaleen mootummaa Ruusiyaa gabaasaniiru.
Namoonni xiyyaara kana keessa turan gaazexeessitoota, Miseensa Waraanaa fi Weellistoota yoo tahan, waraana Ruusiyaa kan Suuriyaa keessatti argamaniif sagantaa bashannanaa dhiyeessuuf kan imalaa turan tahuus beekameera.
Pirezedaantiin Ruusiyaa Vilaadmiir Puutin guyyaa boruu guutuu biyyaatiitti guyyaa gaddaa labsee jira.
Dubbii himaan ministeera Raayyaa waraanaa kan tahe Jeneraal Igoor Konaaveenkoov namoonni xiyyaara kana keessa turan hundi kan du'an tahuu beeksise.
Comments