DAABBOO GUBATE
- Abuu Ibtisaam
- Dec 23, 2016
- 2 min read

Namni Seenaa kana odeeysu waan yeroo ijoollummaa isaa isa mudate haala Kanaan ibsa:
“Yeroo ijoollee xiqqoo turetti waan ajaa’ibaa takkatu mudate. Ummaan tiyya ganamaan kaatee, mana tottolchitee, soorata nuu qopheessite. Dalagaan heddu itti baay’atee waan tureef akkaan dadhabdee jirti. Ciree eega nuu bilcheessiteen booda, Killee waadame wajjiin daabboo gubate, Saanaan anaa fi abbaa kiyya dura keette. Daabboo gubate arginaan rifadhee waan abbaan kiyya jedhu eeguuf isa laalutti seene. Abbaan kiyya garuu, Daabboo gubate san fudhatee, killee nuu qophaayeen qabataa, shaayii itti dhugaa, ummaa tiyyatti seeqata nyaatuu jalqabe. Natti garagaluun gara Mana baruumsaa deemuuf qophaayuu kiyya na gaafate. Rifadhee waan tureef deebii isaa kenne hin yaadadhu. Ammaa Ummaa tiyya itti dallanee lola ykn ammoo ni tuma, jedhaa eegutti seene. Abbaan kiyya garuu, Daabboo gubate san takkallee osoo hin hambisan nyaatee fixe.
Akkuma Nyaatee geesseen, "beenu gara mana baruumsaa" naan jedhe. Ummaan tiyya ammoo, isa dura dhaabbattee, sagaleen laaftuun, sodaataa, ijaan lafa laalaa, Daabboo gubde saniif dhiifama gaafatte. Deebii Abbaan kiyya deebise garuu yoomiyyuu hin irraanfadhu. Mataa isii ol qabee, ija keessa laalaa, itti seeqataa, “Ani bar Daabboo gubate nin jaaladha” jedhee deebiseef. Deebiin inni kenne naaf galuu dide. Daabboo gubatee, ka sanuu hadhaayuu akkamitti jaaladhe jedhee itti hima gaafiin jettu na keessatti maddite.
Yeroo gara Mana baruumsaa deemnu, dhuguma abbaan kiyya daabboo gubate san jaalatuu isaa gaafadhe. Innis na hammatee, “Laali, Ummaan tee, guyyuu dalagaa heddu hojjataa ooltu. Kanaafuu dhugumatti isiin ni dadhabdi. Daabboon gubate ammoo nama takkallee hin miidhu. Daabboo san nyaadheef wanti an ta’u takkallee hin jiru. Jiruu keessatti yeroo hunda naaf guuta jettee eeguu hin qabdu. Namni waa hin balleessines hin jiru. Anis Abbaa warraa guutuu miti, hir'uu wahii nin qaba, gaaf takka waa balleessuun kiyya hin oolamu” naan jedhe.
Abbaa kiyyarraa waan heddu baradhe. Jiruu nagayaa fi dheertuu gammachuun jiraachuudhaaf, badii walii irra darbuun, akkasumas garaagarummaa qabnu walii dinqisiifachuun barbaachisaa akka ta’e baradhe. Ummaan tiyya Daabboo san gubuuf jecha osoo hin taane, dalagaan biraa isii qabatee, takkii dadhabdee ykn ammoo, irraanfattee gubde. Abbaan kiyya ammoo rakkoo isii hubatee, isitti dheekkamuu irra, isii gammachiisuu filate.”
Jedhee waan abbaa isaa irraa barate seeneesse.
Nuti hoo waan tanarraa maal baranna. Irra waliif darbuun waan jabduudha. Haati warraa kee si waliin jiraachuuf sitti heerumte malee gabra taatee si qofa gabbaruufii miti. Wal gargaaruun barbaachisaa dha. Akka tasaa ta’ee dogoggorri wahii yoo uumame waliif irra darbuutu gaarii ta’a. Daabboo maaf akkana goote, Uffata maaliif saamunaa Kanaan dhiyxe, Biddeena har’aa maaf akkasitti hojjatte, bishaan maaf karaa irratti jigsite… jedhaa, waanuma gale cufaaf yoo ka lollu taate, bultiin teenya rakkoo hamaa keessa bu’uu dandeetti.
Kanaaf rakkoo walii keenyaa hubannee, Rabbii keenya abdannee, waliif hirkoo taanee, jiruu gammachuu jiraachuun barbaachisaa dha. (Warra fuudhe qofa osoo hin taane, Warri if dura fuudhuuf qophaayes aadaa tana gabbifatuu qaba)
Yaa Rabbi Nama wal hubatee, wal jaalatee, walii ta’ee, waliin gammadu nu taasisi.
Comments