Wanti Hunduu Kheeyrumaafi!
- Abuu Ibtisaam
- Nov 13, 2016
- 2 min read

Bara durii Mootii tokkotu ture. Mootiin kun Ministeera isa jala hojjatu qaba. Ministeerichi kun Qadaritti akkaan amana. Gaaf tokko Mootichi osoo Seeyfii qabatee ittiin taphataa jiru, Quba ofirraa mure. Ministeerichi, “In shaa Allaah, Abshiir Kheeyrumaaf sirraa muramte” jedheen. “ Tarii waan gaarii qabatee siif dhufuu danda’a” jedhee itti dabaleef. Amantii Rabbi irratti qabutu akkas isa jechisiise. Mootichi dallanuudhaan ‘Qubni narraamuramee, waan gaarii maaltu jira? Fuudhaa gara mana hidhaa geessaa” jedhee Ministeericha hiisise. Kana booda wardiyoonni mootichaa, ministeera fuudhanii gara mana hidhaa deemaniin. Yeroo gara Mana hidhaa deemu kanas Ministeerichi, “In shaa Allaah, Tunilleen Kheeyrumaafi, Hidhamuu tiyya tana keessallee waanuma gaaritu jira” jedhe. Wardiyyoonni mootichaatis dubbii isaa ajaa’ibsiifataa hidhatti darban.
Ministeerichi kun osoo hin hidhaminiin dura, mooticha wajji Adamoo bahaa turan. Torbaanitti guyyaa takka adamoo bahanii bineensa daggalaa adamsaa sooratu. Eega ministeerichi hidhamee booda, mootichi kophaa isaa Adamoof bahe. Mootichi kun karaa bosona keessaa sirritti hin beeku, dura ministeerichatu karaa itti agarsiisaa ture. Amma akkuma kophaa isaa bosona seeneen karaa wallaalee raatayuu jalqabe. Osoma inni bosona keessa oliif gad lafa maruu, Namoonni Sanama gabbaran itti dhufanii qaban. Namoonni sanama gabbaran kunniin wareega sanama isaaniitiif qalan barbaaduuf bosona keessa deemaa turan. Mooticha kana kophaa isaa bosona keessatti arginaan, qabanii gara iddoo wareega itti qalanii deemuuf karaa bu’an. Osoma karaa deeman qaama mootichaa gubbaa hanga jalaa laaluu eegalan. Boodarra mootichi quba tokko akka hin qabne argan. ‘Lakki lakki, nama quba hin qabne, nama mudaa qabu, gooftaa keenyaaf qallaa? Abadan hin ta’u, Deem asii! Ati wareega gooftaa keennaa hin taatu” jedhanii ari’an.
Yeroo gara manaa deemu, waan isa mudate cufa xiinxallutti seene. Waan Ministeerichi jedheen sammuu keessa yaasuu jalqabe. Osoo silaa qubni sun narra jiraattee, har’a qalamuu kiyyaa mii? Jedhaa of gaafate. Akkuma Masaraa mootummaa isaa keessa seeneen, wardiyoota isaa ergee ministeericha hidhaarraa hiiksise. Ministeerichi hidhaarraa hiikamee gara mootichaa dhufe. Mootichi ministeericha gara ofii yaamee itti haasayuu eegale. ‘ gaafa qubni kiyya narraa murame, Keyrumaafi naan jette, anis qubni narraa cite keeyrii maaltu jira jedhee hidhatti si darbe. Amma qubni kiyya gaafas narraa cite du’arraa ooluuf sababaa naaf tahe. Akkuma atuu jette keeyrumaaf narraa murame. Garuu hidhamuun kee hoo akkamitti khayrii tahuu danda’a?” jedhee gaafate.. Ministeerichis ‘Osoo an si wajjiin adamoo bahee, namni wareega sanama isaanii tahee qalamu ana ture. Ati quba tokko waan hin qabneef qalmarraa oolte, an ammo qaama guutuu waan qabuuf silaa anatu qalama, Kanaafuu Wanti Hunduu Kheeyrumaafi’ jedhee deebiseef.
Wanti Hunduu Khayrumaafi!
NuuralHudaa Soora Qalbii Muslimaa www.nuuralhudaa.com
Comments