SEERA TIRAAFIIKAA
- Abuu Ibtisaam
- Oct 24, 2016
- 1 min read

Ilmi namaa seera addunyaa kabajuu irratti akkaan jabaa dha. Fakkeenyaaf ifaa Tiraafikaa (Traffic lights) haa ilaallu. Namuu seera kana akkaan kabaja. Namnummaan waan kana cabsu hin jiru. Adabbii guddaa akka adabamu waan beekuuf, namuu haga humna isaatiin seera kana kabajuudhaaf tattaaffata. Halkan qixxee saa’aa 6 fi saddeetittis, Akka poolisni tiraafikaa hin jirre osoo beekuu, haga ifaan diimaan sun gara magariisaatti jijjiiramutti ni eega. Ifaa san qaxxaamuree yoo deeme akka du'u ni beeka. ykn balaa hamaan akka isa mudatu ni beeka. Seera mootummaan baase haala kanaan kabajna.
Kan Rabbii hoo? Rabbi yeroo hunda nu arga. Waan nuti balleessaa jirru cufa nuuf galmeessutti jira. Tarii akka warra Tiraafikaa san amma nu hin qixaaxu taha. Boru garuu ba’aa hin dandeenye baadhachuudhaaf jirra. Kanaafuu har’uma haa toowbannu. Gara Rabbii haa deebinu. Waan inni nu dhoorke irraa haa fagaannu. Nama ajaja isaatiif masakamee milkaahu nu haa godhu.
Comments