Wanti hunduu harka Rabbii jirti.
- Abuu Ibtisaam
- Oct 20, 2016
- 2 min read
Wanti hunduu harka Rabbii jirti.
Gurbaa Rabbitti kafare tokkotu ture. Gurbaan kun ‘Rabbi waa hunda of harkaa qaba’ dubbii jettu fudhachuu hin barbaadu. Namootaanis akkana jedhe; “Rabbi akka ani waa nyaadhu na dirqamsiisuu hin danda’u. Mee yoo humna qabaate na haa nyaachisu. Ani har’a irraa kaasee homaa hin nyaadhu” jedhee morka jalqabe. Guyyaa muraasaaf eega akkasitti tureen booda, haati isaa gowwummaa kana irra isa deebisuuf jecha isa kadhachutti seente. Nyaata bareedaa hunda qopheessiteefii nyaatuu dide. Haati isaa booyaa isa kadhachutti jirti. Inni garuu akkuma jallatetti jira. Waywaayta haadha isaa hifatee manaa bahuu murteesse. Akkuma manaa baheen muka guddaa mana isaa bira jiru tokko kore. Haati koruu hin dandeenye. Wajji deemtee isa kadhatte. Inni garuu dhagahuu dide. Qaamni isaa dadhabaa dhufe. Haatis imimmaan harcaasaa kadhatte. Gurbaan jallataan sun garuu ammas akkuma jallatetti jira. Booda irratti haati isaa akka tasaa yoo ka nyaatuu jettee muka san jalatti nyaata urgaawaa fooliin isaa fagoorraa nama harkisu dhiifteefii deemte.
Yeroo kana lafti galgaloofnaan shiftoonni waa saaman gara ganda sanii dhufan. Yoo achi gahan haafura urgaawaa soorataa fuunfatan. Gara hafuuraa yoo dhihaatan nyaata ajaa’ibaa argan. Nyaachuuf ammoo ni sodaatan. Namni wahii summii itti godhee nu ajjeesuuf karoorfachuu hin oolu jedhanii nama barbadutti ka’an. Yeroma kana dargaggeessa jallataa san muka gubbatti argan. Gad bu’I jennaan ni dide. Achiin namni tokko muka koree humnaan gad buuse. Nyaata kana nyaadhu jedhaniin. Inni garuu ni dide. Ani Rabbi wajji morkataa jira. Hin nyaadhu jedhee kakadhee jira jedhee deebiseef. Shiftoonnis “nu ajjeesuuf as jala keetteemii” jedhanii tumutti seenan. Gurbaan soorata dhabuun qaamni isaa laafee ture, tumaa isaaniitiin ta duraa caalaa miidhamnaan hayyee jedhee nyaatuu jalqabe. Shiftoonni erga summmii akka hin taane adda baafataniin booda, gurbaa irraa darbanii ta ofiitii nyaatanii deeman. Gurbaanis gara manaa deebi’e. Akkuma mana seeneen, Eeyyan Wanti hunduu harka Rabbii jira jedhee amanee, haadha isaa hayyee jedhee nyaata nyaachutti seene.

Comments