Ogeeysa Manaa
- Abuu Ibtisaam
- Oct 16, 2016
- 1 min read

Namicha mana ijaaruun muuxannoo jabaa qabu tokkotu ture. Namichi kun umriin hedduu waan manguddoomeef, dalagaa mana ijaaruu tana dhaabuu murteesse. Kontraaktara waggaa dheeraaf isa qaxaree hojjachiisaa jirutti dhaqee dalagaa dhaabuu akka barbaaduu itti hime. Humnis waan dadhabee jiruuf, boqonnaa akka fudhachuu fedhu ibseef.
Namichi qaxaree hojjachiisu ammoo akkaan rifate. Ogeessi jabaan inni qabu isarraa deemuuf murteessuun isaa heddu isa naasise. Haa ta’u malee deemuu isaatiin dura mana takka qofa akka hojjatuuf gaafate. Ogeessichis yaada kanaan walii gale. Dalagaa isaatis jalqabe. Haa ta’u malee dalagaa isaa tan xumuraa waan taateef, waan hojjatu cufayyuu hifannootaan hojjate. Akka durii san bareechisee osoo hin taane, afoolleessaa hojjate, xumura irrattis mana haala fokkataan ijaarame kana namticha isa hojjachiisetti dabarsuuf itti garsiise.
Namichis manichi xumuramu isaa eega argeen booda, waraqaa ykn Plaana manaatiifi Furtuu balbalaa itti kenne. “Kun mana keeti. Dalagaa yeroo dheeraaf naa hojjatteef, kennaadha” jedhee furtuu harka kaaye. Ogeessichi ni rifate. Osoo mana ofii ijaarataa jiraachuu isaa beekee, akkamitti akka hojjatu tilmaamuun nama hin dhibu. Akka ta’ettu hojjatu, mana jaarmaya laaftuu ijaarame kana, ofii isaatii keessa galuuf dirqame.
Haalli keenyas haala ogeessa kanaatiin garaagarummaa hin qabu. Rabbi (SW) yeroo nuu kennee mana keenya kan aakhiraa akka ijaarrannu haala nuuf mijjeessee jira. Nuti garuu mana addunyaa tana ijaarrachuu irratti cinqamnee ta aakhiraa san irraanfannee jirra. Akkuma ogeessi kun Mana bareedaa namootaaf ijaaraa turee, ta ofiitif mana jaarmaya laafaa keessa galuuf dirqametti, nutis Mana asitti haala gaariin ijaarree namatti dabarsinee deemutti jirra. Ta aakhiraa garuu mana laaftuu ijaarataa jirra. Yoo Rahmata Rabbiitiin hafne malee, inumaa kasaaraa guddoo mudachuutu mala.
Rabbi Jannata keessatti Mana gaarii, dalagaa keeyriitiin nama ijaaratu nu haa godhu.
Comments