top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Fakkeenya Gaarii

  • Abbaas Ibnal Islaam
  • Oct 15, 2016
  • 2 min read

Yeroo khaliifummaa Umar Ibnul Khaxxaabitti Dargaggoonni sadii namticha tokko qabanii, gara Amiira muslimootaa fidan.

Yaa Amiiral Mu'miniin, Namtichi kun Abbaa keenya nurraa ajjeese. kanaafuu akka murtii itti nuuf kennitu barbaanna. jedhaniin.

Umar: maaliif ajjeeste?

Namticha: Ani gaala tiksa, gaala kiyya keeysaa inni tokko Ooyruu Abbaa isaanii seenee dheede, yeroo kana Abbaan isaanii dhagaa diqqaa tokko darbatee gaala kiyya ajjeese. anis dhagaa inni darbe san fuudhee itti darbadhee dhahe. yeruma san innis du'e jechuun deebise.

Umar: akkas tahu murtii sirratti dabarsina.

Namticha: murtii ni fudhadha. garuu dhaala Abbaan keenya akka Obboleeyyan kiyyaa qoodu dhaamatetu na harka jira, yoo murtiin natti kenname dhaalli kun obboleeyyan kiyya kanaa hin dhaqabu. kanaafuu dhaala kana kennee dhufaa guyyaa sadii naaf kenni .

Umar: hanga ati deebituuf nama wabii Siif tahu tokko dhiheessi.

Namtichi ammoo nama tokkollee isaan keeysaa hin beeku. Nama wabii dhiheeyfatu dhabee dhaabbatee hafe. Achi booda Abaa Zarri (R.A) ummata keeysaa as bahee,

Anatu wabii tahaaf jedhe.

Umar: Abaa Zarri, wabii tahuu ni dandeessaa?

Abaa Zarr: Eeyyen

Umar: Yoo inni guyyaa Sadi keessatti hin deebi'in murtiin isaa gama kee dabarfamti ni beeytaamii?

Abaa Zarr: Eeyyen ni beeka.

Achi booda Umar Namntichaan deemi jedheen. Osoo namichi deebi’ee hin dhufin guyyaan 3ffaa gahe. Ummanni Namichi deebi’uu dhabnaan hedduu rifatan. Murtiin du’aa namicharratti dabarfamu, yoo inni dhufuu dhabe gama abaa Zarrii dabra. Kun ammoo hedduu ummata rifachiise. Ummanni walitti qabamee Namicha eegutti jira. Salaanni Asrii dabree Madgriibni dhihaatee jira. eega namni hundi abdii muree Murtii Abaa Zarr irratti dabarsuuf qophaahanii booda, Namtichi fiigichaan haafuura darbaa dhufe. Namni hundi Namticha arginaan ajaa’ibuu eegale. Dhufee Umar dura dhaabbatee,

Yaa Amiiral Mu’miniin, Duniyaa na bira jirtu hunda Qoodee bakkaan gahee biraa dhufe. Amma murtii narratti dabrsuu ni dandeessa. Toohannoo kee jala jira. jedheen

Umar: Silaa dhokattee achumaan hafuu ni dandeessaayu, garuu akkamitti dhufte? Jedhee gaafate.

Namticha: ilmaan namaa jiddutti waadaa walii galan guutuun akka hin dhabamneef dhufe. Jedheen

Umar: Yaa Abaa Zarr, namticha kana hin beektu, akkamiiltti wabii taateef?

Abaa zarr: wanti ani wabii taheef, Ilma namaa jiddutti tola waliif ooluun dhabame akka hin jedhamne sodaadheeti.

Yeroma kana Dargaggoonni Abbaan isaanii irraa ajjeefames rifatuun

nutis dhiifama gooneefii jirra. adabbiin akka irratti hin raawwatamne jedhan.

Umar: Isiin hoo maaliif dhiifama gootaaniif ?

Dargaggoota: Nuti immoo dhiifama waliif godhuun Ilma namaa jiddutti dhabame akka hin jedhamne Sodaanneeti.

Rabbiin warra fakkeenya gaarii irraa baratu nu haa godhu!


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page