Jarjartee Hin Murteessin!
- Abuu Ibtisaam
- Oct 14, 2016
- 2 min read

Mootii Impaayera Usmaaniyyaa (Otomaan) kan ta’e Sulxaan Muraad 5ffaan, yeroo heddu halkaniin of dhoysee magaalaa keessa babbahuudhaan naannoo isaa too’ata. Gaafa tokko kaadimtoota isaa yaamuudhaan “nama na wajjiin gad bahu naaf qopheessaa” jedhee ajaje. Kana booda namoota isa eegan wajjiin karaa magaalattii irra deddeemuu jalqabe. Osoma deemu nama karaarra ciise tokkotti dhufe. Sulxaanichi namicha kaasuu barbaade. Garuu jalaa awwaachuu hin dandeenye. Namichi karaarra ciise kun du’ee jira. Namni naannoo san jiru tokkolleen isaaf hin cinqamne. Hunduu cal’isee bira kuta.
Sulxaanichi namoota karaa irra jiran ofitti waame. Namoonni eenyummaa Sulxanichaa beekuu hin dandeenye. Kana booda; “Namichi kun maal ta’ee du’e? Namni isa kaasu maa dhabame? Maatiin isaa hoo eessa jiran?” jedhee gaafate.
Namoonnis “Namni kun nama farshoo dhuguun beekamu. Akkasumas nama Zinaan magaalaa tana ijibbaachise” jedhanii deebisaniif. Sulxaanichis “Maal inni kun ummata Muhammad ﷺ mitii? Akkamitti akkanitti isa gattu. Amma na gargaaraatii mana isaa geessina” jedhee itti dubbate.
Namoonnis isa gargaaranii fuudhanii mana maatii isaatiin gahan. Namoonnis akkuma reeffa namichaa ol galchaniin mana dhiisanii kutan. Haati warraa isaa akkuma reeffa isaa argiteen booyuu jalqabde. Booyicha isii keessattis “ Rabbi sitti haa araaramu! Yaa hiriyyaa Rabbii! Akka ati nama gaarii taate ragaa siif baha” jettee dubbate.
Sulxaanichi ajaa’iba itti tahe. “Hay sila namoonni machaayaa fi nama zinaan beekamu jedhaa osoo isa himan akkamitti nama gaariidha jettee haasofta? Jedhee gaafate.Isiinis hafuura dheeraa baafatee, “Eeyyan namoonni akka akkas jedhan nin beeka. Abbaan warraa kiyya halkan cufa gara mana dhugaatii deemuun, dhugaatii nama macheessu haga humni isaa dandahuun bitee gara manaa fida. Erga gara manaa fideen booda boolla keessatti jigsa. Kana booda “ har’a Muslimoota heddu haraama dalaguu irraa isaan tikse jedha’. Kana booda gara mana dubartoota zinaa dalaganii dhaqee Mallaqa wahii kenneefii; zinaa dhiisanii balbala akka cufan godha. Egasii gara manaa deebi’ee ‘ har’a dargaggoota heddu zinaa dalaguu irraa isaan tikse’ jedha” jettee Sulxaanichatti himte.
Namoonni isaa Farshoo bituu fi gara dubartootaa deemu waan arganiif akka inni machaayaa taheefi Zinaan jiraatutti isa yaadan. Kanaaf akkas jedhanii haasawan. guyya tokko “ Gaafa duute bar, namuu sirraa dheessaa. Namni si awwaalu hin jiraatu” jedheen. Innis seeqachaa “ Abshiir, Sulxaanichi nu bulchuu fi namoonni Rabbitti dhugaan amanan na awwaalan” naan jedhe jetteen.
Sulxaanichis ifirra gad taa’ee booye. “ Dhugaa isaati. Ani Sulxaan Muraad. In shaa Allaah boru isa dhiqnee, irratti salaannee awwaalla” jedhee biraa deeme. Akkuma jedhame namoonni heddu awwaala isaa irratti argamanii isa awwaalan.
Ilma namaa osoo sirritti hin hubatin, waanuma namarraa dhageenyeen, ykn ammoo waanuma Zaahira argineen inni akkana jennee dubbanna. Wanti kun garuu rakkoo guddaa keessa nu galcha. Garuu Waan onnee isaanii keessatti dhoffatanii jiran arguu hin dandeenyu.
Rabbi Qur’aana keessatti akkana jedha
“Yaa Warra Amantan! Shakkii irraa fagaadhaa. Shakkiin gariin dilii dha. Walis hin basaasinaa. Walis hin hamatinaa. Tokkoon keessan foon obboleessa keessanii kan du’ee nyaachuu ni fedhaa? San ni jibbitan. Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaa dha.
Suuratul Hujuraat 49:12
Comments