top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

FAAYA KAAZAABLAANKAA- MASJIIDA HASSAN LAMMAFFAA

  • Abuu Ibtisaam
  • Sep 22, 2016
  • 1 min read

 

Magaalaan Kaazaablaankaa biyya Moorookoo keessatti argamti. Magaalaan tun qarqara galaanaa irratti argamuu isiitiin carraalee heddu argachuu dandeettee jirti. Magaalattiin Magaalota Morookoon qabdu keessaa magaalota gurguddaa keessatti kan ramadamtu yoo ta’u, Faaya Ajaa’ibaa tokko of keessatti hammattee jirti. Awurooppaatti akkaan dhihoo waan taateef, namoonni dooniin kara Awurooppaa deeman, dursa magaalaa tana qubatu. Bashannana qarqara galaanaatiif mijooytuu yoo taatu, gabayaa guddaa (mall) Afrikaatis of keessaa qabdi. Har’a Waa’ee Magaalatti isinitti himuuf osoo hin taane waa’ee Faaya isiiti- Masjiida Hassan Lammaffaa. Masjiidni kun Adooleessa 2, bara 1980tti jalqabamee, Hagayya 30, bara 1993tti xumurame.

Walumaa galatti waggaa 13 kan ijaarame yoo ta’u, Masjiida kana kan bu’uureesse Mootii Hassan Lammaffaa dha. Masjiidni kun aadaa Warra Moorookoo akka agarsiisu godhamee ijaarame. Masjiidichi namoota kuma 25 keessummeessuu kan danda’u yoo ta’u, dallayaa isaa dabalatee ammoo namoota kuma 80f tajaajila kennuu danda’a. Minaaraan isaa meetira 210 dheerata. Halkan halkan ammoo Minaaraa kana irraa ifaan Magariisni kallatti Makkaa akeeku ifaa bula. Namni Halkaniin Magaalaa kana keessa qubate, rakkoo takkaan malee qiiblaa argachuu danda’a. Cinaan Masjiida kanaa bishaan irratti ijaarame. Bakka heddutti ammoo lafti isaa daaw’itii (glass) afamee jira. Kanaaf namni yoo barbaade, bishaan ilaalaa, yoo fedhe ammoo cirracha daaw’achaa qalbii isaa booharsuu danda'a. Hassan Lammaaffaan Waa’ee Masjiida kanaa yoo dubbatu “Ani Kaazaablaankaan ijaarsaa ajaa’ibaa haga guyyaa qiyaamaa ittiin boontu ijaaruu fedha” jedhe.

Masjiida kana bareechisuudhaaf ammoo artistoonni kuma 6 ta’an hirmaatanii jiran. Sosochii lafaa akka dandamatu godhamee kan ijaarame masjiidni kun, meeshaan hedduun isaa achuma Moorookoo keessaa walitti qabame. Wanti biyya alaatii bitame daaw’itii fi dhakaa gurraacha qofa. Masjiida Kana ijaaruudhaaf Doolaara Ameerikaa Miilyoona dhibba saddeet (800,000,000)tu itti bahe.

 


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page