HAADHAA fi ILMA
- Abuu Ibtisaam
- Sep 19, 2016
- 2 min read

Haadha: Yaa ilma kiyya, gafa si dhalu cinqaan ani arge xiqqaa miti. Dafqi narraa yaa’e waraabbamee hin dhumatu. Waan lubbuun na keessaa baatu sehe. Haala saniin gara addunyaa tanaa si fide. Yeroo boottuu fi dhukkubsattu sifaana dhukkubsadha. Si dhiisee si biraa hin rafu. Osoo si hin nyaachisin tiyyaa si dura hin nyaadhu. Cinqaa fi dararaa guddaa booda bakka tanaan si gahe. Mee ilma kiyya galata an siif oole kana akkamitti naa deebista?
Ilma: Ummaa tiyya, Yoo guddadhee baruumsa xumure, dalagaa gaarii isaa qabadha. Miindaa isa irraa argadhuun mana bareedaa isaa sii ijaaree, isa keessa gammachuun akka jiraattu si godha.
Haadha: Abbaan kee kunoo dalagaa qabatee akkanumatti ifaajaa jira. Haga har’aa jijjiiramni hin jiru. Atis dalagaa akkasii keessa akka seentu hin fedhu. Ammootuu gaafa ati guddattee bakka dhiiraa geettu, ani waan dulloomuuf, jireenya addunyaa tanaa irraa dantaa hin qabu.
Ilma: Hayyee Intala bareedduu isii barbaadee fuudha. Isiin ammoo dalagaa mana keessaa hunda hojjataa akka si kaadimtu godha.
Haadha: Yaa ilma kiyya, kun dirqama isiitii miti. Intala ammoo saniif jecha fuudhuu hin qabdu. Anis akka isiin akkas gootu hin fedhu. Ati ofuma keetiif fuudhuu qabda. Isiin waahela teeti malee, dalagduu tiyyaa miti. Wal qabattanii deemsa dheeraa waliin deemuu qabdan.
Ilma: Hayyee Ummaa tiyya, mee akkamitti akka galata kee galchu naaf himi?
Haadha: Yoo na biraa baatee bultii kee jalqabde, na ziyaari, ykn ammoo naa bilbili. Ani haga lubbuun jiru yeroo hunda sagalee tee dhagahuu barbaada. Eega du’een booda ammoo ceekuu tee irratti na baadhuu na awwaali, yeroo salaattu cufa Rabbii kee naa kadhu. Toltuun ati dalagdu hundi isiituu na fayyaddi, kanaafuu jiruu kee keessatti toltuu irraa hin fagaatin. Haqa Rabbii hin jallisin. Ilma namaa hin miidhin. Rabbi ilma bareedaa akka keetii naaf kenne. Halkan hunda isa galatoomfachuuf jecha si wajjiin hirriba dhabaa ture. Galataa isaa galafachuuf jecha daandii gaarii irratti si guddise. Toltuun ati hojjattus, anaaf akka miindaatitti laakkawamuu danda’a, kanaaf ilma kiyya, dalagaa gaarii hojjachuun na gargaartaa? Waan amma siin jedhe kana naa gootaa?
Ilma: ilmi dubbii dadhabe. Ol ka’ee imimmaan harcaasaa itti marame.
Comments