top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Dhaamsa Torbaanii

  • Abuu Ibtisaam
  • Aug 29, 2016
  • 3 min read


Salaatni Ibaadaa Muslimni tokko nama Nama Muslima hin tahin irraa adda ittiin ta’uu dha. Salaataan malee namni tokko musliima tahuu hin danda’u. Namni salaatni isaa jalaa bade carraan jannata seenuuf qabu xiqqaa dha. Dalagaan biraa wantoota akka sadaqaatiin guutamuu danda’a, Salaatni garuu waan takkanilee guutamuu hin danda’u. Kanaaf salaata keenyarratti xiyyeeffannaa gochuu qabna. Namni Salaatni isaa hin tolin booddeen isaa khasaaraa dha. Kanumaaf jecha arruma dhimma salaata keenyaa irratti xiyyeeffannaa gochuu qabna. DHaamsa arraatiinis wantoota salaata keenya nu jalaa balleessan keessaa muraasa ilaalla


Salaata keenya keessatti Xumu’aaniinaa qabaachuun barbaachisaa dha. Salaanni Xuma’niinaa hin qabne guutuu miti. Sabani isaa Xumu’aaniinaan Arkaana salaataa waan ta’eef. Arkaanaan malee salaanni akka waan hin jirreetti laallama. Xumu’aaniinaa jechuun (Ziqii) Sochii Salaataa hunda keeysatti tasgabbii qabaachuu dha. Ruku’a yoo goonu, ruku’aa yoo ol dhaabbannu (I’itidaala), sujuuda irratti, jidduu sujuudaa lamaanitti (juluus) tasgabbii qabaachuu qabna. Hanga lafeeleen teenya hundi bakkatti bakkatti deebitee tasgabbooftutti eeguu barbaachisa. Namni tokko Akkuma ruku’aaf gad bu’een osoo sakandii takkaa hin eegin ol deebi’a. yeroma ol deebi’u kanaayyuu duyda isaatiin osoo qajeelee hin dhaabbatin, gara sujuudaa gad fiiga. Salaanni haala akkanaatiiin salaatamu salaata Xumu’aaniinaa hin qabne jedhama. Kanaaf yeroo salaata keenyatti seennu tasgabbii dhaan waan jiru cufa raawwachuu qabna. Yeroo rukuu’a goonu, zikriilee rukuu’a keessatti qara’amuu qaban tasgabbiidhaan jechuu qabna. Yeroo rukuu’aa ol jennus tasgabbiidhaan haga duydi keenya nuu qajeelutti dhaabbachuun barbaachisaa dha. Kan kanarraa hafe akka nama fiigicha meetira dhibbaa fiiguu salaata keenya daqiiqaa takka keessatti fixuuf jecha daddarbaa salaatuun sirrii miti.


Rakkoon biraa salaata keessatti nu mudattu hanqina Kushuu’aa ti. Kunis salaata keessatti sosochii daangaa dabran godhuu jechuu dha. Yeroo salaatnu Rabbii keenyaaf of gad qabuu qabna. Sodaan Rabbii keenyaaf qabnu qalbii keenya keessa jiraachuu qaba. Yoo Sodaa Rabbii qabaanne, akka isa dura dhaabbataa jirrus yoo quba qabaanne sosochiin humnaa olii salaata keenya keessatti nu hin mudatu. Rabbi Qur’aana keessatti akkana jedha.


قَدۡ أَفۡلَحَ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ ١ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي صَلَاتِهِمۡ خَٰشِعُونَ ٢


Dhugumatti, Mu’umintoonni Milkaayan. Isaan Warra salaata isaanii keessatti Kushuu’a qabanii dha. (Al Mu’uminuun)


Harkaa fi miilli keenya salaata keessatti tasgabbaahanii bakka dhaabbachuudhaa malanitti dhaabbachuu qabu. Qalbiin teenyas yaada biraa keessa daakuu dhiistee Rabbii isii wajji qofa haasawuu qabdi. Harkaan of hooquu, miilaan gamanaa gamas sossohuu, mataa ol qabaa gad buusu fi sosochiiwwan daangaa dabran irraa of qusachuun barbbachisaa dha.


Imaama dursuun ykn ammoo imaama irraa harkifachuunis salaata nu jalaa balleessiti. Rakkoon tun namoota heddu biratti mul’atti. Wanti nuti beekuu qabnu, osoo haga feene jarjarreeyyu imaama dura salaamata hin baafannu. Ruku’arratti jarjarrus, sujuuda keessatti jarjarrus, haga imaamni salaamata baafatutti eeguun dirqama. Kanaafuu yeroo salaatnu haga imaamni takbiiraa jedhee geessutti haa eegnu. Erga inni Allaahu Akbar jedhee xumureen booda nutis Allaahu Akbar jennee itti fufuu qabna. Haga gad jedhee ruku’a qabatutti haa eeynu, haga sujuuda bu’utti haa eegnu. Eega imaamaatii booda isa hordofutu barbaachisa. Gama biraatiin ammoo imaama irraa harkifatuunis dabree dabree ni mul’ata. Gariin namaa salaata bareechifadha jechuudhaan imaama irraa heddu yoo duubatti harkifatu mul’ata. Tanarraallee of eegutu barbaachisa. Abu Hureeyraan (RA) akkana jedhe “Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan Imaamni guutumaan guututti hordofamuu qaba. Yoo inni Takbiiraa jedhe isinis jedhaa, haga inni jedhutti hin jedhinaa, yoo rukuu’a godhe, isinis godhaa, haga inni rukuu’a godhutti isin hin bu’unaa…” (Abu Daawud) Imaamni guutumaan guututti hordofamuu qaba jechuun wanti nuti raawwannu cufti isaatuu wanta imaamichi godhe ta’uu qaba. Osoo inni sujuuda irra jiru, nuti ammoo bareechifachuuf jecha rukuu’a irra turuun hin barbaachisu. Tarii yeroo kophaa salaannutti hanga feene adaba isaatii fi arkaana isaa eegnee turuun mirga keenya. Yeroo imaama wajjiin salaannu garuu imaama hordofutu nurraa eeggama.Kanaafuu wantoota salaata teenya balleessuu danda’an irraa haa of qusannuun dhaamsa teenya tan arraati.



Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page