top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Nuuf Ifa, Isaaniif Dukkana

  • Abuu Ibtisaam
  • Aug 26, 2016
  • 2 min read

Hedduun keenya mana baruumsaatti waa’ee Golden Age fi Dark Age barannee jirra. Jechoonni kunniin lameen addunyaa garagaraatiif tajaajilaa turan. Isaanis Islaamummaa fi Awurooppaa dha. Gaafa Ifaan diinii Islaamaa Arabiyaa irraa jaarraa 7ffaa irratti ifee lalisee kaasee ummanni muslimaa fi Addunyaan Muslimaa bara ifaa ykn ammoo Golden Age isa jedhamu keessa turan. Faallaa kanaatiin garuu, Biyyoonni amma qaroomina guddaa keessan jiran warri Awurooppaadhaa seenaa isaanii keessatti yeroo akkaan rakkisaa keessa waan turaniif, yeroo san Dark Age jedhanii Moggaasan.

Yeroo kanatti Islaamummaan babal’atee daangaa Chaayinaa irraa kaasee hanga Ispeen Andaluusiyaatitti babal’atee jira. Babal’iinni daangaa Khaliifotaan jalqabamee Mootummaa Mu’aawiyaatiin erga Sadarkaa guddaa irra gaheen booda, Mootummaan itti aansuun dhufe kan Abbasiyyaa jedhamu biyyoota islaamaa gara sadarkaa itti aanutti ceesisee. Hayyoonni Muslimaa baruumsaa fi argama saayinsiitiif xiyyeeffannaa akka kennan ajaje. Inumaayyuu Namoota dhimma qorannoo irratti hirmaataniif kafaltii guddaatu kafalamaa ture. Akka gabaasni tokko tokko jedhutti kafalatiin saayintistoota muslimaa yeroo san turaniif kaffalamu kan ammaan tana Atleetotaaf kafalamu ni caala.


Musimoonni bara san gama hundaan sadarkaa guddaa irra gahanii turan. Saayintistoota addunyaan haga har’aa dalagaa isaanii ittiin fayyadamtu Baghdaad irraa kaasee haga Kordobaatitti oomishuun danda’amee jira. Akka fakkeenyaatti Jaabir ibn Hayyaan, Ibn Siinaa, Ibn Baatutaa, Al khawaarizmii fi kanneen biroo heddu kaasuun ni danda’ama. Har’aaf nuti waa’ee saayintistii tokko isiniif himuuf deemna.


Maqaan isaa guutuun AbuBakr Muhammad ibn Zakariyyaa Al Raazii jedhama. Bara 865tti Biyya Faarsii durii ykn tan amma Iiraan jedhamtu Magaalaa Raay jedhamutu keessatti dhalate. Jalqaba irratti Filoosoofii fi Muuziqaa irratti xiyyeeffatee baruumsa jalqabe. Haa ta’u malee fedhiin isaa kan FIlisoofiif qabu xiqqaachaa dhufee xiyyeeffannaa isaa cufa gara baruumsa Medicine (fayyaatti) jijjiire. Jalqabarratti hayyuu beekkamaa Ali ibn Rabbaan jedhamu jalattu barate. Kana booda Hospitaala Raay keessatti qaxaramee hojjachuu jalqabe. Osoo heddus hin turin gara Magaalaa Baghdaad imale.


Eega gara Magaalaa Baaghdaad imaleen booda beekumsi gama saayinsii fayyaatiin qabu guddaa waan taheef, hogganaa Hospitaala Muqtadar ta’uun tajaajile jira. Beekamtiin isaatis daran dabalaa deeme. Gama Fayyaatiin namni isatti qixxaahu hayyuu muslimaa kan biraa kan Ibn Siinaa jedhamu qofa.


Al Raaziin kitaabban dhimmoota fayyaatiin walqabatan heddu barreessee jira. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti; Kitaabal Mansuur, Alhaawi, Kitaabal Muluukii, fi Kitaabal Judaarii Wal Hisaabaa jedhaman keessatti argamu. Kanneen keessaa kitaabni kitaabal Mansuurii jedhamu jaarraa 15ffaa keessa gara Afaan Laatiniititti kan jijjiirame yoo ta’u, kitaabni kunis Mujallada 10 qaba.

AlRaaziin ummata Awurooppaa biratti Raaziis jedhamuun kan beekamu yoo ta’u, kitaabni isaatis Yuunivarsiitiiwwaan Awurooppaa keessatti Akka kitaaba Baruumsaatitti tajaajilaa ture.

  • Yeroo jalqabaatiif namni Alkohoola madaaf fayyadamee Al Raaziidha

  • SmallPox fi Measles (Dhukkuba gifiraa) gosa adda addaa ta’uu namni jalqaba qoratee argate AlRaaziidha

  • Alraaziin kitaaba 200 barreesse jira kana keessaan walakkaan waa’ee fayyaati

  • 21 waa’ee Keemistrii yoo ta’u, Kan hafe ammoo Fiiziksii, Herreegaa fi Astronoomii irratti xiyyeeffata

Al Raaziin isaa amata 30 ijji dhukkubuu eegalte. Adaduma bubbuluun dhukkubbiin ijaa kun itti hammaachaa dhufee agartuu isaa kan dhabe tahuu galmeen seenaa ni addeeysa. Kana booda Magaaluma itti dhalate magaalaa Raayitti deebi’ee bara 930tti gama aakhiraa godaane. Rabbi Rahmata haa godhuuf.



Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page