YEROO HUNDA RABBII KEE YAADADHU!
- © Abuu Ibtisaam
- Aug 14, 2016
- 2 min read

Bara durii nama ibaadaa irratti akkaan jabaa tokkotu ture. Namni kun guyyuu Rabbuma isaa gabbara. Dalagaan isaa cufti isaatuu ibaadaa qofa. Masjiidaa hin bahu. Yoo waa argatu ni sadaqata. Yoo dhabes du’aa’ii namaaf godha. Osoma haala Kanaan jiru gaaf tokko manaamaan nama magaalaa san jiru keessaa kan ibaadaadhaan isa caalu arge. Namni inni manaamaan arge kun suuqii waa itti daldalatu qaba. Caalamuun isaa akkaan waan isa aarseef waan namichi kun dalagu beekuudhaaf jecha gara suuqa namichaa deeme. Abbaan suuqaa; suuqa ofii banatee maammiltoota isaa keessumeessuu eegale. Wanti inni hojjatu cufti isaatuu meeshaa gurguratuu qofa. Wanti addaa irraa hin mul’atu. Namichi kuun suuqa keessa seenee abbaa suuqaa san xiinxalle. Waan haarawa irraa dhabe. Osoma akkanatti jiran sa’aatiin salaataa geennaan namichi suuqa qabu cufee bahe. Namichi kuunis walumaan deeme. Erga salaataniin boodas abbaan suuqaa laaqana ofii nyaatee gara suuqa ofii deebi’e. namichi kuunis wajjiin gara suuqaa seene. Abbaan suuqii sun ammas meeshaa ofii gurguratuu itti fufe. Amma garuu gabaan xiqqoo isii irraa tasgabboofnaan, abbaan suuqii sun namicha kaanitti naannahee maal siif haa kennu jedhee gaafate. Namichis “lakki ani homaa sirraa bituu hin barbaadu. Garuu manaaman (abjuudhaan) ati aabida gaarii taatee natti mul’atte. Rabbiin gabbaruu keessattis na caaltee argamte. Wanti kun akkamitti akka ta’uu danda’e natti himuu dandeettaa?” jedheen. Abbaan suuqaatis “hayyee sitti hima garuu duraan dursee, waan takka naaf godhuu qabda” jedheen. “Tole siif godha maali inni?” Jedhee gaafate. Zayita nyaataa saanii afaan banaa keessatti naqee itti kenne. “Meeshaa kana qabadhuu magaalaa bahii as deebi’i, zayita kanarraa wanti xiqqoon isii jigdee jennaan, homaa sitti hin himu. Meeshaa kana ammoo daqiiqaa 30 keessatti qabattee deebi’uu qabda” jedheen. Namichis hayyee jedhee meeshaa qabatee manaa bahe. Daqiiqaa 30 keessatti deebi’uuf saffisaan deemuu qaba. Yeroo saffisaan deemuuf ta’u ammoo zayitni jalaa jiguuf ta’a. Osoma haala Kanaan jiru xumura irratti meeshaa namichaa osoo wanti takkallee irraa hin hir’atin qabatee ol seene. “Kunooti meeshaan kee seenicha natti himi kaa” jedheen. Abbaan suuqaatis, “hayyee sitti hima, garuu gaafii takka si gaafatuu barbaada naa deebisi” jedheen. “Hayyee siif deebisaa maalinni” jedhee heeyyameef. Yeroo meeshaa kana qabattee deemte kanatti Rabbii kee yeroo hagam yaadattee jirta? Jedhee gaafate. “Rabbiin Yaadatte? Yaa aboo ani akkuma meeshaan na jalaa hin jigneef waliin cinqamaa ture malee yeroo takkallee Rabbiin hin yaadanne” Jedhee deebiseef. “Argitee ani yeroo hunda Rabbii kiyya yaadadha. Yoo meeshaa tokko gurgurus, yoo mallaqa irraa fuudhus, yoo nagaha gaafadhus, yeroo hunda Rabbii kiyya yaadadha. Haga danda’een akka namni natti hin mufanneef haqa jaraa hin dabsu. Yeroo hunda Rabbiin waan yaadadhuuf maamiltoota kiyyaa yeroma takkallee mufachiisee hin beeku” jedhee itti hime. Mee hagam keenyatu ammaan tana yeroma waan kana dubbisaa jirrutti Rabbiin yaadannee jirraa laata? Yeroo keenna maal irratti dabarsaa jirra. Yaa obboleewwan Aakhiraa, Rabbii keenya yaadachuun bu’aa heddu nuuf qabdi. Yoo isa yaadanne haqa isaa guutuu dandeenna. Haqa isaa guutuun ammoo milkii duniyaa fi aakhiraa nu goonfachiisa. Kanaaf Rabbii keenya yeroo hunda haa yaadannu. Yoo ciisnus, yoo deemnus, yoo teennus, yoo dhaabbannus. Yeroo hunda Rabbii keenya haa yaadannu. Rabbi nama isa yaadatee milkaahu nu haa godhu!
Comments