TEENNA TUN LAAFTUMA
- © Abuu Ibtisaam
- Aug 14, 2016
- 3 min read

Gaaf tokko daa’ima kiyya kan ganna 4 na duraa dhukkabeeti qabadhee gara mana yaalaa deeme. Akkuma mana yaalaa gaheen dhukkubni isa tuqxe kun hamaa waan taateef, siree qabannee haga gaafa baqassanii hodhan (operation) eeguun dirqama nutti taate. Anii fi haati warraa tiyya rakkoo amma nu mudatte tanaan daran miidhamnee jirra. Yaa Rabbi Maal si goone jennee isatti booyaa jira. Guyyaa guutuu hospitaala keessa oolla. Bultiin teennas achuma hospitaala keessa ta’ee jira. Cinqaan teenna guyyuma guyyaan dabalaa deemee nu sodaachisuu jalqabe. Guyyaan beellama keenyaa gahee jira. Yeroo kanatti daa’ima keenna siree irra ciisaa ture irraa kaasanii siree biraa irra ciibsaniiti oofaa gara kutaa baqassanii hodhuu geessan. Anis haadha warraa kiyya wajji taane haga balbala kutaa sanii erga deemneen booda amma booda kutaa kana seenuu hin dandeettan nuun jedhan. Haati warraa tiyya garaan isii dadhabee ufirra gad teettee imimmaan dhangalaasuu eegalte. Anis haalli isii garaa na raafnaan miilaan kooridara keessa deemuu jalqabe. Akkuma xiqqoo isii imaleen kutaalee balaan tasaa (emergency) itti wal’aanamutti dhufe. Yaa Allaah jedhee mataa qabadhe. Kutaa nuti jirru kan daa’immanii fi ijoollee waan ta’eef kikichuun reef afaan hiikatte cufti balaa isaanirra gaheen dhukkubsatanii iyyaa jiru. Gariin isaanii fuulli isaani bishaan danfaan gubatee irraa quunca’ee jira, gariin isaanii konkolaataan dhahamanii fuulli isaanii caccabee jira, garii isaanii ammoo meeshaan wahii irratti lafa dhahee harka ykn ammoo miila ofii dhabanii jiran. Booyinsi isaanii garaa nama raasa. Nama akka kiyya ilma qabuuf ammo daran ulfaata. Balaa ijoollee sanniin irra gahee jiru garaa na raase. Imimmaan maatii isaanii kan isaan bira dhaabbatanii roraasan agarraan garaan na dadhabee kutaa sanii bahe. Itti aanee gara kutaa biraa seene, gariin ijoolleedhaa umrii isaanii kichuu kanaan dhukkuba kaansariitin qabamanii cinqamaa jiru. Ammas kutaa kana dhiisee deeme. Kutaan itti aanu garuu akkaan na rifachiise. Daa’ima tokko oksijiinii itti hidhanii jiran. Hafuura baafatuu hin danda’u. carraan lubbuun hafuuf qabus xiqqaa dha. Doktoroonni nuti kana caala homaa isiniif godhuu hin dandeennu jedhaniini jiran. Maatiin isaaniitis guyyuma lubbuun isaa keessaa baatu, imimmaan lolaasaa eegaa jiru. Anis maatii san jajjabeessee biraa deebi’e. Kana booda miiluma dhufeen karaa dhufe keessa deebi’e. Ilmi kiyya operationni godhameef haala gaariin goolabamee jira. Haati warraa tiyya fuula ifaatu irraa mul’ata. Anis akkaan gammade. Rakkoon ammaan tana nu mudatte akkaan xiqqoo ta’uu isaa hubadhe. Maatiin heddu ijoolleen isaanii akkaan duraa dhukkubsatanii cinqaa keessa jiru. Keenya kun garuu yoo kan isaaniitiin wal bira qabamu homaayyuu miti. Rabbii kiyya galatoomfadhe. Rakkoo nu mudattu obsaan dabarsuu qabna. Miidhama xiqqoo nu mudatteef jecha mufatuun, “yaa Rabbi maaf akkana na goote” jechuun nurraa hin eeggamu. Gaafa rakkoon takka nu mudattu namoota nu caala rakkoo hamaa keessa jiran haa yaadannu. Haalli tun hedduminaan nu miidhaa jirti. Keessattuu bara kana balaa xiqqoo nu mudatteef akka waan nuti qofa miidhamneetitti odeeysina. Mee ummata muslimaa kan BURMAA ilaalaa. Haga ammaa biyya hin qaban. Akka lammiitittis hin laakkawaman. Poolisiifi shoorarkeessitoonni budahaa bakkuma barbaadanitti, yeroo barbaadanitti isaan ajjeesutti jiran. Biyyaa baqatuun isaaniif hin eeyyamamu. Kanneen akka tasaa baqatanii biyyaa bahanis bakka dhaqan sanitti hidhamanii jiran. Mee SUURIYAA ilaalaa, daa’imman waan nyaatan dhabanii baala guuranii affeelataa nyaachutti jiran. Mana baruumsaa deemuun hin jiru. Wanti tapha jedhamu waggaa 5 dura hafe. Guyyuu boombitu itti rooba. Harra obboleessa ofii dhaban. Boru haadhatu duraa ajjeeffama. Isaanillee ykn miila ofii, ykn ammoo harka ofii dhabanii jiru ta’a. Rakkoon isaanii himamtee hin dhumtu. Gama GAAZAA fi FALASXIINIS imala. Ummanni sunis yahuudaadhaan guyyuu azzabamutti jira. Mana hin qaban. Bakka ciisan hin qaban. Nyaataa dhugaatii argachuun rakkisaa dha. PAAKISTAAN, AFGAANISTAAN, SUMAALIYAA FI bakka heddutti muslimoonni akkaan dararamutti jiran. Gaafa rakkoon xiqqoo isii nu mudattu akka waan nu qofti dararamnetti lafa dhiitna. Akka waan cinqaan cufti nurratti fe’ametti mataa dhaabna. Kun garuu musliima tokkorraa waan eeggamuu miti. Rakkoon nu mudattu cufti isiituu qormaata ta’uu isii beeknee obsuu qabna. Teenna erga obsineen booda garuu ta obboleessa keennaa dhukkubsatuu qabna. Miidhamni isaa nutti dhagahamuu qaba. Dhukkuba isii qooddachuu qabna. Haga humna teenyaatiin bira dhaabbachuu qabna. Yoo dandeenne humnaan, dadhabnu ammoo yaadaan wal bira dhaabbachuu qabna. Muslimoota miidhaman, kan hidhaman, kan biyyaa ari’aman, kan dhukkubsatan, du’aa’ii teenna barbaadu nutis isaan cinaa haa dhaabbannu.
Comments