SEENAA 25%
- © Abdulnaasir Tufaa
- Aug 14, 2016
- 2 min read
Guyyaa tokko namichi qabaataan tokko karaa irraa osoo deemaa jiru, kadhattuu karaa cinaa taa'ee kadhatu arge. Namichi sooressi kun ija rahmataatiin kadhatticha kana laalaa maaliif akka kadhatu gaafate. kadhattichis "Hojii irraa erga ari'amee waggaa tokko guutee jira. Yoo si laaluu nama qabaataa fakkaatta. Hojii yoo naaf kennite kadhaa nin dhiisa" jedheen. Namichi sooressis seeqatee ka'ee,"si gargaaruu barbaada. Garuu hujii siif hin kennu. Waan gaarii siif godha. Ana wajjiin qixxee abbaa qabeenyaa akka taatu fedha. Daldala waliin haa jalqabnuu" jedheen. Yeroo kana kadhattichi gammachuu irraa amanuu dadhabee "Maal jechuu keeti?" Jedhee gaafate. Abbaan qabeenyaatis "ani maasaa Ruuzaa qaba. Ruuza kana gabaa geessitee gurgurta. Ruuza kuntaalaan sitti kenna. Walakkeessa gabaa keessatti gurgurtuufis kiraa isaa ni kafala. Ati wanti gootu ruuzuma kana gurguruu qofa. Xumura ji'aa irratti immoo bu'aa daldala irraa arganne qixxee qoodanna." Jedheen. Yeroo kana kadhattichi gammachuun liqimfamee imimmaan ija irra yaa'uu eegale. Osoma imimmaan ija isaa keessaa lola'u "parsantii 100% keessaa parsantii 5% qofa fudhadhee ati 95% fudhadhu" jedheen. Abbaan qabeenyaatis mataa raasaa, “anaaf parsantima 2.5% naa kennii ati parsantii 97.5% fudhadhu” jedheen. Yeroo kana kadhattichi naasuu irraa of hin beeku. Arrabni hidhamee jechi jalaa dhumee waan dubbatu wollaale. Wanti dhagahee kun hundi abjuu itti fakkaate. "Ani wanti fedhu guddina keetii fi jijjiirama kee qofa"jedheen abbaan qabeenyaa. Amma kadhattichi uffata isaa jijjiiratee, kuusaa ruuzaa walakkeessa daldalaatti isaaf qophaaye keessatti hujii jalqabe. Hojii isaa kana ilkaan ciniinnatee jabaatee hojjachuu itti fufe. Halkan iyya lukkuu manaa bahee halkan qixxee dukkaa cufee gala. Ruuzni inni gurguru ruuza bareedaa waan ta'eef ummanni gara isaatti dhangala'e. Maallaqa sirritti walitti qabachuu itti fufe. Guyyaa 29 booda bu'aan daldala irraa argame hedduu ta'e. Xumura ji'aa irratti kadhattichi kaleessaa, Hardha kophaa isaa taa'ee maallaqa argate kana lakkaawuu eegale. Osoma maallaqa kana lakkaawutti jiru," sah! Maallaqa kana kophaa kiyya itti danfee hojjadhee argadhe. Namichi na jalqabsiise guyyaa tokko na bira dhufee hin beeku. Duuba maaliif parsantii 2.5% isaaf kenna? Hojii hundaa natu huje parsantiin 100% anumaan malti "Ofiin jechuu eegale. Ji'a tokkoon booda abbaan qabeenyaa dhufee,parsantii 2.5% tiyya naaf kenni" jedhee gaafate. kadhattichi kaleessaa, Hardha maallaqa harkaan gahannaan," maal hojjattee parsantii 2.5% fudhatta? homaa sitti hin kennu" jedheen. Tun ajaa'ibuma!!! Osoo abbaan qabeenyaa isin ta'ee maaltu isinitti dhagahama? Wallaahi kun qajeelatti waan Hardha nu keessa jirru. Rabbiin (s.w) abbaa qabeenyaati. Jireenya nuuf kenne. Tokkoon tokkoo maayikiroo sekondii nuti hafuurfannuu isatu nuuf kenne. Dandeettii dubbachuu, qayyabachuu, dalagachuu nuuf kenne biratti fayyaa nuuf kenne. Allaah (s.w) qaama, gurra ittiin dhageenyu, ija ittiin arginu, arraba ittiin dubbannu, harka ittiin dalagannuu fi funyaan ittiin hafuurfannu nuuf kenne. Qabeenya isaa kafaltiin malee nuuf kenne kana hundaaf haqa nurraa qaba. Haqxi qabeenyaa Rabbiin nurraa qabu parsantima 2.5% qofa. Zakaan (2.5%) haqa isaati. Zakaa kennuudhaan Rabbii tola nutti ooleef galata haa galfannuu.

Comments