top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

QUBA NAMATTI QABUUN DURA…

  • © Abuu Ibtisaam
  • Aug 14, 2016
  • 2 min read


Namichi tokko ilmaan afur qaba. Ilmaan isaa kun yeroo cufa waanuma xiqqoo takka yoo namarratti argan, maqaa nama xureessan, ykn ammoo waanuma takkitti saniin nama faarsan. Abbaan isaanii haala isaanii kanatti akkaan dallane. Kanaaf mormii kana akka dhiisaniif jecha baruumsa isaaniif kennuu murteesse. Haaluma kanaan ilmaan isaa afranuu yeroo garagaraatti gara ganda wahii deemanii muka tokko qoratanii akka dhufan ajaje. Haala Kanaan ilmi hangafaa ji’a Caamsaa keessa deemee muka san akka qoratu godhe, kan lammataa ammoo ji’a Adoolessaa keessa deemee qo’ate, kan sadaffaa ammoo ji’a Fulbaana keessa deemee qo’ate, inni afraffaan ammoo ji’a Sadaasaa keessa deemee qo’atee deebi’e. kana booda isaan afranuu abbaa isaanii bira taa’anii waan argan gabaasuu jalqaban. Ilmi dura deeme akkana jedhe. “Mukni ani arge goggogaadha. Baala takka ofirraa hin qabu. Ilaalchattu nama hin gammachiisu” jedhe. Kan lammataa “lakki kan ani arge jiidhaadha. Baala heddus qabaatuu dhabu, lubbuu ni qaba. Baala xixiqqoo isii biqilchaa jira” jedhee goolabe. Inni sadaffaan ammoo “maal taatanii jirtan, mukni ani arge baala heddu qaba. Inumaa baala birayyuu dabree firiiwwan heddu baasee jira. Hin bilchaanne malee ji’a tokko booda ni nyaatama” Jedhee haasawe. Inni afraffaan obboleeyyan isaatti heddu aare. “Maal ijji keessan hin argu moo? Mukni sun daraaree firii mi’aawaa heddu ofirraa qaba. Haqa namaa waan taateef malee anuu silaa muradhee nyaadha” jedhee abbatti hime. Abbaan dubbii ijoollee isaa erga dhaggeeffateen booda, “gartanii isin cuftinuu dhugaa dubbattan. Atiin yeroo caamsaa deemte sun yeroo sanitti bishaan waan hin jirref goggogaa ta’ee argite. Atiin ji’a adooleessaa keessa deemtee argite sun ammoo yeroo sanitti waan rooba argatee jiruuf isaa daraaraa jiruun walitti dhufte. Atiin ji’a fulbaanaa keessa deemte ammoo yeroo rooba akkaan quufee bilchaataa jirutti itti dhayxe. Atiin sadaassa keessa deemte garuu isaa daraaree nyaatamuuf qophaahetti dhayxe. Kanaafuu haalli kun afranuu muka san haalaan ibsa.” “Waan kana ta’eef waanuma ji’a caamsaa qofa keessa argiteef mukni sun waan faayidaa hin qabne jettee murteessuun barbaachisaa miti. Atiin sadaassa itti dhayxe ammoo daraaraa isaa waan argiteef mukni umrii isaa guutuu firii qabaachuu ture jettee goolabuu hin dandeettu. Kanaafuu waa’ee muka sanii dubbatuudhaaf dirqamatti ji’a kanniin cufa muka san bira turuu qabdan. Haaluma Kanaan lafaa kaatanii nama tokko guyyuma tokko argitanii namni sun nama gaarii ykn ammoo nama badaadha jettanii murteessuu hin qabdan. Waa’ee nama sanii murteessuuf dura xumura isaa laaluun dirqama. Kanaafuu guyyuma tokko qofa ilaaltee nama san madaaluu hin qabdu. Nama san guyyaa duraa akkuma argiteen namni kun badaadha jettee irraa fagaannaan, guyyaa inni bor nama gaarii ta’e gaabbuuf jirta.”


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page