GOWWAA IRRAA BOODAA...
- © Abuu Ibtisaam
- Aug 14, 2016
- 2 min read

Bara durii, namicha dureessa tokkotu ture. Dureessa Alaa manni guutuu. Wanti inni dhabe jedhee himatu hin jiru. Dureessi kun gabra gowwaa tokko of biraa qaba. Gaaf tokko ofitti yaamee kennaa wahii kenneef. Wayta kennaa san kennuuf akkana jedheen; “Kennaa an amma sii kenne kana dhoysii kaayi. Gaafa nama sirra gowwaa (doofaa) ta’e argite itti kennita” jedheen. Gowwichis : “Hayyee gooftaa koo” jedhee meeshaa itti kenname dhoyfate. Turtii booda dureessi kun akkaan dhukkubsate. Haakimoonni ganda isaanii keessa jiraatan hundi wal dhaansa godhaniifii fayyuu dadhabe. Carraan inni qabus du’a qofa akka taate itti himan. Kana booda gabricha kiyya ka gowwaa san naa waamaa jedhe. Gowwichis ni dhufe. “Laali gabricha kiyya, ani amma deemuufi, jiruu kee keessatti wanti si miidhe yoo jiraate dhiifama namaaf godhi” jedheen Gabrichis : “eessa deemaa jirta?” jedhee gaafate Dureessi : “Bakka namni hundi dhaqu deemaa jira” jedheen Gabrichi: “Yoom deebita duuba?” jedhee ammas gaafii itti aanse Dureessi : “Ani amma bakka irraa deebi’uun hin danda’amne deemuufi” jedheen Gabrichi : “Hayyee, Achitti jireenya gaarii jiraachuuf akka sii mijaahu waa qoqqopheeffateeree?” jedheen Dureessi : “Lakki, homaa hin qopheessine” jedheen Gabrichi: “Bakka deemtu sanitti, Yoo sitti qabbanaawe ykn Yoo sitti oowwe akkam taata ree?” jedhee itti aanse Dureessi: “Kanaafis wanti qopheeffadhe hin jiru jedheen” Gabrichi: “ Hayyee Yoo beelofte hoo akkam goota?” jedhee gaafate Dureessi: “Homaa godhuu hin danda’u” jedheen Eega deebii kana hunda argateen booda gabrichi garaa ofii qabatee kolfa dheeraa kolfe. “Gooftaa koo, jiruu kiyyarratti waan ajaa’ibaa akkanaa dhagahee hin beeku. Mana kee ka asii kana, ka sanuu yeroo gabaabaaf keessa jiraattu kanaaf wanti ati hin qopheessin hin jiru. Fooqii ijaartee jirta, dawoo keessa bashannantu bal’aa qabda. Yoo sitti qabbanaawe ibidda qabsiifatta. Yoo sitti hoo’e ammoo gad baatee qilleensa fudhatta. faradoo heddu qabda, gabrootaa fi namoota kidmaa sii godhan kumaatamaan lakkaawaman qabda. Jiruu tee tan yeroo gabaabaaf irra jiraattu tanaaf akkanatti dhamaatee waa qopheessitee itti fayyadamaa turtee biraa deemaa jirta. Garuu biyya sanuu irraa deebi’uun hin danda’amneef, ta zalaalam jiraatuuf deemaa jirtuuf ammoo waan takkallee hin qopheessine naan jettaa? Ajaa’iba qabda! Mee Rabbumaa jedhi Addunyaa tanarraa Namni si caala Gowwaan eessumatti argama. Ani nama haga kee gowwoome argee hin beeku. Ati na caala gowwaadha. Kanaafuu kennaan ati tana dura naaf kennite siif malti. Hoodhu narraa fudhu” jedhee biraa bahe. ----—------------------ NuuralHudaa
www.nuuralhudaa.com
Comments