WARAANSA HIN FAYYINE
- © Abuu Ibtisaam
- Aug 3, 2016
- 3 min read
Gurbaan waggaa kudhanii tokko maatii isaa wajji jiraataa ture. Gurbaan kun waan takkatti saffisaan dallanuu guddata. Yeroo dallanu kanattis waan dubbatuufi waan namaan jedhu hin laallatu. Waan afaan isaatitti dhufe ol fuudhee namarra kaaya. Hiriyyoota isaa, ollaa isaa fi namoota haarawa argu hundayyu jechoota hamaa itti darbata. Amalli isaa kun maatii isaa akkaan mufachiise. Haalli isaa kun namoota ollaa wajji walitti isaan buusaa isaaan rakkisee jira. Sababa kanaaf hiriyyoonni isaa heddu isarraa fagaatanii jiran. Innis kophaa deemuu jalqabe.
Waan kana erga hubataniin booda Maatiin isaa isa gorsuu jalqaban. Inni garuu amala isaa kana fooyyeeffachuu hin dandeenne. Inumaa daran itti hammaataa deeme. Osoma akkaataa amala isaa kana ittiin fooyyeessuu danda’an irratti haasayaa jiran abbaan isaa mala wahii argate. Ilma isaa waamee korojoo Mismaaraan guutame tokko madooshaa (burrisa) wajjiin itti kenne. Ilmi isaatis “Maaliin godha?” jedhee gaafate. Abbaan isaatis “Yeroo dallantee aarii kee tooyachuu dadhabdu san namaan waa jechuu irra mismaara takka as keessaa fuudhii gidaara dallayaa irratti dhahi” jedheen. Gurbaan wanti ajajame akkaan isa kofalchiise. Garuu ajaja abbaa isaa waan ta’eef tole jedhee dirqama ofirra kaaye.
Kana booda adaduma wayitti dallanee of tooyachuu dadhabuun mismaara takka qabatee gara dallaya gidaaraa deemee dhahuu jalqabe. Haala Kanaan guyyaa jalqabaa mismaara 30 dallaya irratti rukute. Gochi amma raawwataa jiru isa mufachiisus ajaja abbaa isaa akkuma dura fudhate sanitti dalagaa irra oolchuu isaa itti fufe. Haa ta’u malee torbaan tokko booda baay’inni Mismaarii inni gidaara irratti dhahaa jiru xiqqaachaa dhufe. Sababni isaas adaduma wahitti dallanuun gara dallayaa fiigaa humna fixachuu irra aarii ofii tooyachuu filate.
Adadumaan mismaarri inni gidaaratti dhahaa jiru hir’achaa dhufee, guyyaa tokko osoo homaa hin dhahin oole. Guyyaa tokko guutuu osoo wahitti hin dallanin, osoo namaan jechoota hamaa hin jedhin oole. Tuni isaafis namoota naannoo san jiraniifis oduu ajaa’ibaati. Mee ammas guyyaa lamaan takka itti dabalee laala jedhee itti fufe. Haga gidaara bira deemee mismaara dhahu, asumatti of too’achuuu naa wayya jedhee aarii ofii qabbaneefachuu isaa itti fufe.
Gaafa kaan gammachuudhaan abbaa bira dhaqee, “Yaa aabbaa kunoo ani amma aarii kiyya too’achuu danda’ee jira. Mismaara takkallee osoo gidaaratti hin dhahin oolee buluu jalqabee jira jedheen. Abbaan isaa bu’aa argamte tanatti akkaan gammade. Garuu ammas leenjiin isaa hin goolabamne. Ammas waan hojjachuu qabutu jira. Kanaaf ammas ajaja biraa kenneef. “Yaa ilma koo amma ammoo guyya guyyaan osoo hin dallanin yoo dabarsite, mismaarota tana dura dhoofte keessaa 30 buqqisi” jedheen. Mucaanis akkuma ajajame gaafa dallansuu takkaan malee oolee bulu mismaarota jedhame buqqisuu eegale.
Guyyoota hedduuf dallansuu isaa too’achaa waan tureef mismaara hedduu buqqise, garuu mismaaronni gariin buqqa’uufii didan. Kanaaf abbaa isaatitti dhaqeeti, mismaarota hedduu buqqisus muraasa garuu buqqisuu hin dandeenne jedhee itti hime. Kana booda abbaa wajji walqabatanii gara gidaara mismaarri itti dhahamee dhaqan. Abbaanis “Yaa ilma koo mee maaltu sitti mul’ata?” jedhee gaafate, qubaan gara gidaaraa akeekaa. Gurbaanis “Gidaara qaawwa heddu qabuufi kan mismaarri irraa buqqa’uu dide” jedhee deebise. “Eeyyan argitee ilma kiyya, Mismaaronni kunniin fakkeenya jechoota badaa ati ilma namaa irratti darbataa turte sani. Onnee namootaa keessatti haala Kanaan dhahamanii hamilee isaanii miidhee jira. Mismaarota heddu buqqisuu dandeettee jirta ta’a, garuu qaawwaa fi madaa gidaara irra jiru qulqulleessuu hin dandeettu. Mismaaronni muraasni ammoo ammas buqqa’uu didanii jiran. Akka malee gad seenanii waan jiraniif buqqisuun rakkisaadha. Akkuma dhahaman kanatti zalaalam turuu danda’u. dallayni kunis akka durii san deebi’ee bareeduu hin danda’u.
Kanaafuu yeroo hunda waan namootaan jennu irratti of eeggannoo jabaa godhuu qabna. Jechoonni hamaan akka mismaara onnee irratti dhahamaniiti. Yoo irraa buqqistes mudaan achuma jiraata. Jechoonni gariin ammoo hammeenyi isaanii daran jabaa ta’uu danda’a. wanta fedheenis qulqulleessuu hin dandeettu. Kanaaf Ilma kiyya jechoota namaan jettu irratti of eeggannoo godhi. Jechoota fayyadamtu irratti of eeggannoo godhi” jedhee abbaanis ilma isaa gorse.
Obboleessa keenna dubbii hamtuun waraannee miidhuu irra of haa qusannu! Qophiin: Abuu Ibtisaam
NuuralHudaa Soora Qalbii Muslimaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/
Comments