top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa aangoo lakkisuuf xalayaa galchate

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 14, 2017
  • 1 min read

Afayaa’iin mana marii bakka bu’oota ummataa Abbaa Duulaa Gammadaa taayitaa gadi dhiise.


Afayaa’iin paarlaamaa Itoophiyaa Abbaaduulaa Gammadaa, xalayaa hujii gadidhiisuu torbaan lama dura kan galche yoo tahu, hujii raawwachiftonni mootummaa itoophiyaatis gaafii isaa kan irraa fuudhan tahuu beekkame.


Abbaaduulaan xalayaa hujii gadi dhiisuu haagalchu malee hanga guyyaa kaleessatti hujii isaa irra kan jiru yoo tahu, Isniina dhufu Fulbaana 29/2010 A.L.I. baniinsa paarlaamaa bara kanaa irratti ni hirmaata jedhamee eeggama.

Akka seera biyyattiitti xalayaan hujii gadidhiisuu miseensota parlaamaatiif ergadhiyaatee booda, taayitaan isaa nama birootiin kan bakka bu’u ta’a.

Weerara liyyuu poolisiin naanno Soomaalee daangaalee Oromiyaa irratti geggeessaa jirtuun walqabatee, Raayyaan ittisa biyyaa dararaa ummata Oromoo irraan gayaa jiru, hawaasni walgayiIlee adda addaa irratti iyyataa ture. Walgahii godina Baalee magaalaa Gindhiir irratti geggeefame Abbaan dulaa kan argame yoo tahu, ummanni ifatti kan Liyyuu Poolisii waliin nuwaraanaa jiru makkalaakayaadha jechuun komii dhiheessan.


Hujii gadlakkisuun Abaa duulaatis haalawwan kanniin waliin kan walqabate akka ta’e himamaa jira.






Kommentare


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page