top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muummichi ministeera Isra’eel walii galtee paartiilee Falisxiin lamaan balaalefate.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 14, 2017
  • 1 min read

Muummichi ministeera Isra’eel walii galtee paartiilee Falisxiin lamaan balaalefate.



Odeeyfannoo

October 13/2017

__

Muummichi ministeera Isra’eel Benjamiin Nataanyahuu walii galtee paartiileen Falisxiin lamaan Fatah fi Hamas, waliin hojjatuuf torbee kana keessa mallatteessan walii galtee kun kan nageenya naannichaa booressu jechuun qeqe.



Nataanyahuu fula fesbuuka isaa irratti


" Isra’eel walii galtee Falisxiin dhaaba Hamas kan kaayyoon isaa Isra’eel barbaadeessu tahe waliin gotu kamuu ni mormiiti" jechuun maxxanse.



"Walii galteen Hamaas fi Fatah kun kan nageenya naannicha booressu malee kan nagaa naannichaatti uumu miti" jedhe.



Ministeer Barnoota Isra’eel Naftaali Bennetis walii galtee kana balaleefatuun " Falisxiinonni guyyaa hardhaa mootummaa Shoroorkeessaa hundeessuuf murteessan" jedhe.


Bennet ibsa websaayti Times of Isra'el news jedhamu irratti kennen

" Hardha irraa jalqabee Isra'eel walii galtee bifa kamiitu Bulchiinsa Abbaas wajjin kan gootu yoo tahe, akka diina isii Hamas waliin gooteti jechuun dhaadate.


Paartileen Falisxiin lamaan Fatah fi Hamas waggaa 10 booda guyyaa kaleessa waliin hojjatuuf walii galtee mallatteessan. walii galteen isaanii kun immoo Isra’eeli irratti dhiibbaa guddaa kan ummu tahuus gabaafameera.


_

  • Application NuuralHudaa download godhuuf

  • Android https://goo.gl/Ieo7dv

  • iPhone https://goo.gl/y7n0In

  • iPad https://goo.gl/Yf9a8x

  • NuuralHudaa

  • https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/

  • https://twitter.com/NuuralHudaa

  • www.nuuralhudaa.com

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page