top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Sirni Awwaalcha Kolonel Haaj Aliyyii Cirrii raawwatame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 14, 2017
  • 1 min read

Sirna Awwalcha Kolonel Haaj Aliyyii Cirrii Aanaa Maddawalabuu, ganda Maddaatti geggeeffame irratti,qondaaltonni mootummaa fi keessummoonni godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa dhaquun irratti argamaniiru.

Sirna Awwaalchaa dura Salaatul-Janaazaa isaan irratti salaatuuf janaazni gara masjiida kan geeffame yoo tahu, bay'inna ummataa irraa kan kahe yeroo lama kan irratti Salaatame tahuus maddeen keenya naannawa irraa nuuf gabaasaniiru.

Koloneel Haaj Aliyyii Cirrii nama ibaadaa irratti cimaa tahaniif, Umrii dargaggummaa isaanii irraa kaasee sirnoota mootummaa Abbaa irree dura dhaabatuun ummata isaaniif falmaa kan turan tahuun ni beekama.

Nuutis maatii fi firoottan isaanii akkanumas Saba isaaniitiif Rabbiin Sabrii isinii haakennu jechaa, Koloneel Haaj Aliyyii Cirrii ammoo Rabbiin Jannataan isaan haaqananiisu.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page