top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ministeeroonni Kaatalooniyaa duraanii saddeet Ispeenitti hidhaman.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 2, 2017
  • 1 min read

Manni murtii Ispeen Ministeeroota Kaatalooniyaa saddeet sababaa labsii Walabummaatti cichaniif kan hidhe tahuu BBC'n gabaase. Ministeeroonni Kaatalooniyaa kunniin ajaja mootummaa Ispeeniin gaafii deebisuuf gara Maadriid kan deeman yoo tahu, abbootiin alangaa mootummaa Ispeen, gaafii akka hidhaman abbaa murtiitiif dhiheessaniin akka ta'e gabaasni kun ni mul'isa.

Haaluma walfakkaatuun Abbaan alangaa mootummaa Ispeen, Prezdaantii Kaatalooniyaa duraanii Karles Pijmonti dabalatee, qondaaltota biroo afur kanneen yeroo ammaa Ispeeniin ala jiran, akka qabamaniif gamtaa Awurooppaa gaafate.

Torbaan darbe keessa Paarlaamaan Kaatalooniyaa Ispeen irraa walaba bayuu eega labsee booda, Mootummaan jiddu galaa Ispeen Paarlaamaa fi Bulchiinsa Kataalaan diguun isaa ni yaadatama.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page