top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Sheekh Haashim Muhammad Arab, ganda Daawwee Gutichaa qubsiifaman.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 27, 2017
  • 1 min read

Guyyaa har'aa hawaasni muslimaa Godina Arsii Aanaa Heexosaa Aaliima guddaa Sheekh Haashim Muhammad Arab ganda Daawwee Guutichaatti qubsiise.

Sagantaa Aaliima qubsiisuu kana irratti, Du'aatonnii fi daa'iiwwan iddoo garagaraa irraa dhufan da'iwaa godhuu maddeen naannawa irraa nuuf gabaasaniiru. Ulama'oota sagantaa kana irratti qooda fudhatan jidduu; Sheekh Abdurrahmaan magaalaa Adaamaa irraa,Sheekh Daawud magaalaa Itayyaa irraa,Sheekh Musxafaa magaalaa Booruu Jaawwii irraa yoo tahaan; akkasumas Daa'iiwwan keessaa immoo Ustaaz Xaahir Galatoo magaalaa Asallaa irraa, Ustaaz Jamaal magaalaa Haburaa irraa, akkasumas Ustaaz Abubakar magaalaa Asallaa irraa tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.

Hawaasni muslimaa ganda Daawwee Guutichaatis maallaqa, horii fi midhaan kuntaala hedduu, akkasumas lafa heektaara tokko kan manni irratti ijaaramu Aaliima kanaaf arjoomuu beekameera.

Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page