top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Sa’udiin daangaa isii Hajjaajota Qaxariif banuu beeksifte.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 17, 2017
  • 1 min read

Qoqqobbii biyyoonni galoo galaana Arabiyaati fi Masri Qaxaar irra kaayaan hordofuun, jia’a waxabajjii irraa eeggalee Sa’udiin sochii gara Qaxaar godhamu hunda kan cufte ta’uun ni yaadatama. Rakkoo biyyoota kanneen jidduu jiru furuudhaaf sochiin Dipilomaasii kan godhamaa ture yoo tahu, furmaatni hanga ammaatti hin argamne.

Haata’u malee guyyaa kaleessaa Mootichi Sa’uudii Hajjaajota Qaxariif daangaan cufamee ture akka banamu ajaja dabarsuu isaa Ejensiin Odeeyfannoo Sa’udii gabaaseera. Akka gabaasaa kanaatti Malik Salmaan lammiileen Qaxar haal duree tokko malee Hajjii isaanii raawwachuu kan danda’an ta’uu beeksisuudhaan, daangaan Salwaa jedhamu akka isaaniif banamu ajaje.

Ajaja Malik Salamaan kana dura, gareen Dippilomaasii Qaxar tokko gara Sa’udii imaluudhaan, ilma Malik Salmaan fi ministera Raayya ittisa biyyattii Mohammed Bin Salmaan waliin kan mari’ate ta’uu gabaasni Aljaziiraa irraa argame ni mul’isa. Baatiilee sadiin dabranii asitti biyyoonni lamaan walitti dhufuudhaan kallattiidhaan waliin haasayuun isaanii, walitti dhahatuudhaan rakkoo biyyota kanniin jidduu jiru furuufis carraa guddaa kan uumu akka ta’e himamaa jira.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page