Miseensonni Koree fala barbaadduu hawaasa muslimaa gaaffii mirgaa hawaasni muslimaa kaase ilaalchise
- NuuralHudaa
- Aug 13, 2017
- 1 min read

Ibsi miseensonni koree hawaasa muslimaa guyyaa hardhaa baasan kun, mata duree “ijjannoo koree ifa godhuu” kan jedhu yoo tahu, gaaffiilee bu’uuraa sadiin hawaasni muslimaa wagga shan dura gaafate yaadachiisuun jalqaba. Kunis; 1ffaa,Majiliisni Dhaabbata muslimoota bakka bu’u waan ta’eef, namoota majliisa hoogganan hawaasni muslimaa karaa ifa ta’een dhiibbaa tokko malee filachuu akka danda’u;
2ffaa,Dhabbatni barnootaa Awwaliyaan qabeenya hawaasa muslimaa waan ta’eefi boordii hawaasni muslimaa filaatuun akka hoogganamu fi
3ffa,Aqiidaa Ahbaash fedhii hawaasaa malee humnaan nurratti hin fe’inaa, kan jedhuudha.
Koreen fala barbaadduu hawaasa muslimaa amaanaa hawaasni itti kenne fi gaaffilee ummataa kannin qabachuudhaan, qaama mootummaa waliin furmaataa barbaada ture. Jalqaba irratti mootummaanis gaaffileen ummataa kunniin gaaffii sirri ta’uu amanuudhaan kan fudhate ture ta'us , sababa hin beekkaminiin yaada isaa jijjiiruun Koree hawaasa muslimaa dabalatee muslimoota hedduu gara mana hidhaatti akka darbe niyaadatama jedha ibsi kun.
Ibsichi itti fufuun hawaasni muslimaa bu’aa bayii fi rakkoo cimaa keessaa kan dabre yoo tahuus, yeroo kana hunda keessatti gaaffii mirgaa isaatiif karaa nagayaa qofaan gaafataa akka ture ummatni Itiyoophiyaatiif hawaasni gutuu addunyaas akka hubate ni ibsa. Haata’u malee gaaffileen bu’uuraa kun hardhas kan hindeebi’in waan ta’aniif miseensonni koree hawaasa muslimaa hardhas gaaffii hawaasa keenyaa mootummaan karaa nagaayaatiin furmaata itti kennu akka qabu har’as ijjannoo keenyaa akka ta’e ni ibsina jedha ibsi koree irraa baye kun.
Dabalataanis miseensota koree mana hidhaatti hafan dabalatee muslimoonni guutuu biyyattiitti badii tokko malee sababa kanaan hidhaman akka gadi dhiifaman nigaafata. Akkasumas Ulamaa’onnii fi hayyootni biyyatti dhimma hawaasa muslimaa kana akka karaa nagayaatiin furmaata argatuuf carraaqqi godhamu koreen kun kan deeggaru tahuu isaa ibseera.
Maddi: Peejii fesbuuka Ustaaz Abubakar Ahmad.
Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comentarios