top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Abbootiin Qabeenyaa Lammii Tarkiyaa gara magaalaa Al-QUDSI imaluun Salaata Juma'aa Masjiidal Aqs

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 12, 2017
  • 1 min read

Jilli abbootii qabeenyaa lammii Turkiyaa kan abbaa qabeenyaa dhaabbata MUSIAD jedhamuun durfame, guyyaa kaleessaa gara magaalaa Kabajamtuu Al-QUDSI imaluun Salaata Juma'aa Masjiidal Aqsaatti kan salaatan tahuu, odeeyfannoon Anaadooluu Niiwuus irraa argame ni addeessa.

Imalli kun pirezadantiin Turkiyaa ji'a darbe keessa, muslimoonni Addunyaa gara Masjiidal Aqsaa imaluun deeggarsa Falisxiinotaa qaban akka mul’isan eega gaafatee booda akka ta’e gabaafameera.

Hoogganaan dhaabbata MUSIAD Abdulrahman Kaan, kaayyoo imala kanaa Anadoluu Niiwuusiif akka himetti: "Deeggarsa obboleeyyan keenya kan Falasxiinii qabnu ibsatuuf" jedhe.

Kaan; cunqursaa addaan hincinne kan mootummaan Isra’eel muslimoota Falasxiin irratti raawwatu kan morman tahuu ibsuun "Yeroo kamuu obboleeyyan keenya cinaa ni dhaabbana; wanti guddaan nuti asitti argamneefis kana" jedhe.

"Masjiidal Aqsaa Qiblaa Muslimootaa kan jalqabaa akkanumas Makkaa fi Madiinatti aanuun iddoo kabajamaa muslimootaati; gocha seeraan alaa mana Rabbii Kabajamaa kana irratti raawwatamu kamuu muslimoonni addunyaa dura dhaabbatuun akka mormuu qabaniifi akkanumas gara magaalaa Alqudsi dhufuun deeggarsa isaanii ibsatuu qabu" jedhe.

Mr Kaan;Abbootiin Qabeenyaa Tarkiyaatis naannawa kana misoomsuun Obboleeyyan isaanii kan Falasxiinotaatiif carraa hojii akka banan gaafate.

Weerara dhiheenya kana Waraanni Isra’eel Masjiidal Aqsaa irratti godheen muslimoonni Falisxiin 20 oli ajjeefamu ni yaadatama, kana hordofuun Pirezadaantii Tarkiyaa Rajaab Xayiib Erdogan muslimoonni adduunyaa gara masjiidal Aqsaa imaluun deggarsa muslimoota Falisxiin qaban akka ibsatan wamicha godhe ture.

____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page