Ameerikaa fi Raashiyaan dhuukaasa Suuriya keessatti geggeessaa jiran dhaabuuf walii galan.
- NuuralHudaa
- Jul 8, 2017
- 1 min read

Jarman magaalaa Hambarg keessatti walgahiin garee biyyoota G20 jedhamuun beekkamanii kan geggeeffamaa jiru yoo tahu; guyyaa kaleessaa yeroo walgahii kana irratti hirmatuuf hoggantooni biyyoota kanneenii magaalaa Hambarg seenanitti, Ummanni Jarman immoo hoggantoota kana mormiin simatan. Mormiin kun har'as guyyaa lammataaf itti fufee jira. Hiriira mormii kanaan jeequmsa ka’een poolisootaa fi ummata irratti midhaan akka gahe gabaafameera.
Jiraattonni magaalaa Hambarg namni Addunyaa kana jeeqaa jiru hooggantoota biyyoota addunyaati; keessumattuu Pirezadaantii Ameerikaa Donald Tiraamp fi Pirezadaantii Raashiyaa Vilaadmir Putiin jedhu.
Pirezidantiin Ameerikaa Donald Tiramp guyyaa kaleessaa yeroo jalqabaatiifi michuu isaa Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmir Putiin waliin kora kana irratti wal arganiiru. Wal argaa isaanii kana irratti immoo dhuukaasa Suuriyaa keessatti geggeessa jiran dhaabuuf walii galuun isaanii ibsaniiru.
Lola bara 2011 irraa jalqabee Mootummaa Suuriya Raashiyaan deeggaramuu fi finciltoota jiddutti godhamaa jiruun, yoo diqqaate namoonni nagaya 250,000 ol akka ajjeefamanii fi namoonni miliyoona kudhanii ol amoo qe’ee isaanii irraa kan buqqa’an tahuu gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii(UN) irraa bahe ni addeessa.
____
Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments