Haleellaa magaalaa Al-Qudsitti raawwatameen lammiiwwan Falasxiin ajjeefamuun gabaafame.
- NuuralHudaa
- Jun 16, 2017
- 1 min read

Loltoonni Israa’eel magaalaa Al-Qudsitti galgala hardhaa haleellaa raawwataniin, yoo diqqaate lammiiwwan Falasxiin lama ajjeefamu odeeyfannoon Aljaziiraa irraa argame ni addeessa.
Namoonni lama iddoo Deyir jedhamutti ajjeefamuu, namni tokko ammoo miidhamuu isaanii fi haleellaan bifa kanaan qindaa’e ji'oota dheeraa as raawwatamee kan hin beekne ta’u isaa qondaaltonni Falasxiin Aljaziiraaf himan.
Mootummaan Israa'eel yeroo dheeraaf muslimoonni masjiida guddicha AI-Aqsaatti akka hin salaanne, umrii fi lakkoofsa namootaa daangeessuun ni beekkama; haata'u malee guyyaa hardhaa Falasxiinonni kumaatamaan lakkaawaman, salaata juma'aa magaalaa kabajamtuu Al-Qudsi masjiida guddicha Al-Aqsaatti kan Salaataan tahuus gabaafameera.
Bara 2015 irraa kaase waraanni Yahuudaa Israa’eel muslimoota Falasxiin 250 ol kan ajjeesan yoo tahu, waraana Israa’eel irraa ammo loltoonni 42 qofti finciltoota Falasxiiniin kan ajjefaman tahuus gabaafameera.
Commentaires