Yakki Shororkeessummaa Koree Furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa irratti banamee ture kan seeraan
- NuuralHudaa
- Mar 4, 2017
- 1 min read

Wirtuun idil addunyaa Seerri hojii irra akka oolu hojjatu(International Law Practice Lab) kan magaalaa Nashviil Tenes kan Yuunivarsitii Vanderbit yakki farra Shororkummaa mootummaan Itiyoophiyaa Ustaaz Abubakar Ahmad fi muslimoota 28 kan isaan waliin himataman irratti bane kan seeraan alaati jechuun Komishiinii mirga dhala namaa Afrikaatti Iyyannoo dhiheeffate.
Wirtuun Seeraa Yuunivarsitii Vanderbit kun Iyyannoo isaa kan Komishiinii mirga dhala namaa Afrikaatti dhiheesse irratti; Mootummaan Itiyoophiyaa seera farra Shororkummaa baase kana namoota mootummaan morman, hooggantoota amantaa, Gaazexeessitoota fi sabaa fi sablammoota ittiin cunqursuuf itti faayyadamaa jira jechuun kan dhiheesse tahuu gabaafameera.
Abukaatoo koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa tahuun kanaan dura Komishiinii mirga dhala namaa Afrikaatti mootummaa Itiyoophiyaa irratti himannaa dhiheessee kan ture Dr Abaadir Ibraahim "Iyyannoon Wirtuu Seeraa Yuunivarsitii Vanderbit dhiheesse Koree hawaasa muslimaatiif oduu gammachuuti" jedha.
Akkasumas iyyannoon Wirtuun kun dhiheesse kun Iyyannoo kanaan dura isaan dhiheeffatan kan cimsuufi tahuus ibsaniiru.
Commentaires