Manni Murtii olaanaa Keeniyaa ajaja mootummaan Kaampii baqattoota Dhadhaab cufuuf baase kuffise.
- NuuralHudaa
- Feb 9, 2017
- 1 min read

Mootummaan Keeniyaa kanaan dura quubsuma baqattoota hedduu kan ta’e Kaampii Dhadhaab cufuuf ajaja baasee kan ture yoo tahu, Manni Murtii olaanaa Keeniyaa ajaja kan kan kuffise tahu odeeffannoon ni addeessa.
Manni Murtii olaanaa Keeniyaa akka jedhutti, "Ajajni mootummaan Keeniyaa Kaampii guddaa baqattoota Addunyaa kan namoonni 200,000 ol cunqursaa fi ajjeechaa mootummoonni isaan irraan gahaa jiran jalaa itti baqatuun akka da'ootti keessa jiraataa jiran cufuuf baase kan heeraa fi seera Keeniyaa Falleesse” jechuun kuffise.
Abbaan Seeraa kamisa hardhaa murtii kana dabarse John Motivo,"Ajajni Ministeerri dhimma nageenya biyya keessaa aangoo isaatti fayyadamuun Kaampiin baqattootaa daangaa Sumaaliyaa irratti argamu waggaa dabre keessa cufuuf baasee ture seeraan alaa fi kan heera biyyattii cabse, Kanaafuu fudhatama hin qabu" jedha.
Akkasumas ajajni kun walii galtee Keeniyaan baqattoota cunqursaa biyyoota isaanii irraa baqatuun dhufan qeebaluuf kanaan dura mallatteessite kan diigu jedha Abbaan Seeraa kun.
Itti gaafatamaan Amnesty International kan biyyoota Afrikaa bahaa Mutoni Wanyeki,"Guyyaan hardhaa kun baqattoota Sumaaliyaa kan biyya isaanii irraa roorroo isaan irra gahaa jiru jalaa baqatanii Kaampii kanatti argamaniif guyyaa Seenaa guddaa qabu" jedha.
Odeeffannoo walfakkaatuun baqattoonni Sumaaliyaa fi Suudaan irraa baqatuun waggaa dheeraaf eega turan booda biyya 3ffaaf gara Ameerikaatti imaluuf Kaampii Dadhaab fi Kaakumaa irraa buufata xiyyaara Nayiroobiitti argaman uggura mootummaan Ameerikaa baqattoonni guyyaa 120f akka natt hin seenne jechuun ajajee walqabatee akka hin imalle dhoorkamanii gara iddoo dhufaniitti kan deebifaman tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Comments