Ambaasaddarri Raashiyaa Turki keessatti argamu ajjeefame.
- NuuralHudaa
- Dec 19, 2016
- 1 min read

Ambaasaaddarri Raashiyaa Andree Kaarloov guyyaa hardhaa Turkii magaalaa Ankaraa keessatti odoo agarsiisa Egzibishinii daawwataa jiru rasaasaan dha’amee ajjeefamuu odeeffannoon ni addeessa.
Namtichi ajjeechaa kana raawwate, ajjeechaa Mootummaan Raashiyaa lammiiwwan Sooriyaa irratti raawwataa jiru balaaleffatuun kan ajjeese yoo tahu, namoonni hedduun yeroo sanitti kan miidhaman tahuu beekameera.
Turkii magaalota adda addaa keessatti dhiheenya kana ummatni bahuun ajjeechaa lammiiwwan Sooriyaa irratti mootummaan Raashiyaa mootummaa Abbaa Irree Asad deeggaruun raawwataa jiru mormaa turuunis ni yaadatama.
Akka midiyaan Turkii gabaasetti Ambaasaaddarri kun rasaasaan dhahamee gar hospitaalaatti geeffamuu gabaasaniiru. Dhaabbilee Oduu Raashiyaatis namoonni hedduun miidhamanii jiran jedha.
コメント