top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ummanni Muslimaa Magaala Al Quds (Jarusalam) eeguu qaba

  • Odeeyfannoo
  • Nov 30, 2016
  • 1 min read

Simpooziyamii Paarlaamaa Magaalaa Istaanbul keessatti qophaahe irratti Preezidaantiin Turk Rajab Xayib Ergdogaan akkana jedhe “Muslima dachii tanarra jiru cufa irratti dhimma Falasxiin akka dhimma ofiititti laaluu fi Magaalaa Al Quds (Jarusaalam) eeguun dirqama.” Dabalataanis “ Eegumsi Masjiidal Aqsaaf godhamu, Ijoollee xixiqqoo dhakaa qofa harkatti qabattee, humna waraanaa guutuu hidhatee dura dhaabbattu qofa irratti dhiifamuu hin qabu” jedhe.

Erdogaan Seera Israa’el dhiheenya kana tumuuf jettu kan Azaana dhoorkuutis qeeqee jira. Tarkaanfii fi Loogii Ummata Falasxiin irratti fudhatamaa jirus balaaleeffatee jira. Seerri Amma Israa’el tumuudhaaf deemtu kun Seera Azaanaa kan jedhamu yoo ta’u, Innis Masjiidonni Salaata Subhii yeroo namoonni hedduun rafanii jiranitti Azaana godhan, akka azaana Sagalee guddiftuun alatti hin goone kon dhoorku yoo ta’u, seerri kun Mormii heddu karaa garagaraatii qunnamutti jira. Wixinee Seeraa kana Erdogaan “Maraatummaa fi Qalbi dhabeessummaa” jedhuun qeeqe.

Dhimma Israa’elii fi Falasxiin irrattis, Erdogaan Yaada kennee jira. Furmaatni biyyoota lama hundeessuu jedhu dalagaa irra ooluu qaba. Biyyi Falasxiin jedhamtu, Al Quds Bahaa akka Magaalaa Wiirtuu ofii godhatuun ijaaramuu qabdi. Yoo Baha jiddu galeessaatitti nagaya barbaadne Furmaatni jiru kana qofa” jechuudhaan yaada isaa goolabe.

Rabbi Ummata Falasxiin rakkoo jalaa haa baasu Masjiidal Aqsaallee tika isaatiin nuu haa tiksu Nama Muslimotaa yaadullee nuu haa baay’isu

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page