Mootummaan Ityoophiyaa Poolisoota Keeniyaa 5 hidhe.
- NuuralHudaa
- Oct 26, 2016
- 1 min read

Poolisoonni Ityoophiyaa hoogganaa mana hidhaa Ilreet kan tahe Chief Inspector Christopher Nalianya fi miseensota Poolisii Marsabeet 5 Onkololeessa 23/2016 kan hidhan tahuu gaazexaan Keeniyaa Daily Nation jedhamu gabaase.
Akka Gazeexaan kun gabaasetti Poolisoonni kunniin nama lammii Keeniyaa ta'e kan naannoo laga Turkaanaa irraa Poolisoota Ityoophiyaatiin qabamee hidhame lakkisiisuuf gara Ityoophiyaa qaxxaamuran. Yeroo kana waraanni mootummaa Ityoophiyaa Poolisoota kanaaf konkolaataa isaaniis too'annoo jala olche.
Qondaaltonni mootummaa Keeniyaa akka poolisoonni kun lakkifaman yaalii godhaa jiraa jedhu. Hoogganaan Poolisii kutaa Marsabeet kan tahe Koomander Ben Kogo poolisoonni hidhamuu mirkaneeffadhe jira, isaan nama lammii keennaa kan waraanni Ityoophiyaa daangaa irratti hidhe hiiksisuuf deeman. Yeroo ammaa kana nutis isaan hiiksisuuf qondaaltota mootummaa Ityoophiyaa waliin marii irra jirra jechuun Daily nationiif hime.
Waggaa kana keessa yeroo adda addaatti Waraaanni biyyoota lamaanii kun wal dura dhaabbatuu gabaasni adda addaa kan agarsiisan yoo tahu, Ji'a kana keessa Onkololeessa 16 waraanni mootummaa Ityoophiyaa hidhattoonni ABO waraana kiyya ajjeesaan jechuun daangaa Keeniyaa cee'uun ganda Golole ka Kutaa Marsaabeet jalatti argamtu marsee ture, Sabaaba kanaatiin waraanni Keeniyaa lakkoofsaan hedduu Kaampii Odaa irraa gara daangaa Sololoo qubatee jira.
Comentários