Waraanni Itiyoophiyaa daangaa Keeniyaa Qaxxaamure
- Odeeyfannoo
- Oct 17, 2016
- 1 min read

Akka websaayitiin keeniyaa TUKO jedhamu ibsetti, waraanni Mootummaa Itiyoophiyaa guyyaa Alhada daangaa Keeniyaa qaxxaamuruudhaan naannoo magaalaa Golollee seenee jira. Akka Gabaasa kanaatti waraanni mootummaa Itiyoophiyaa 100 ta’u loltoota ABO adamsuuf jecha gara keeniyaa seenuun Waraana ABO irratti lola bane. lola ABO fii Mootummaa Itiyoophiyaa jiddutti godhameen, loltoonni mootummaa Itiyoophiyaa ajjeeffamanii jiru. Waraanni Itiyoophiyaatis loltoonni ABO haleellaa narratti raawwatan Keeniyaa keessa jiran jechuudhaan daangaa keeniyaa qaxxaamuree seene. Mootummaan Keeniyaatis loltoota isaa gara Golollee ergee jira.
Waraanni mootummaa Itiyoophiyaa amma duras irra deddeebiidhaan daangaa Keeniyaa cehuudhaan waraana ABO adamsuudhaaf tattaaffii godhaa ture. Bara 2015 keessa yeroo shaniif daangaa Keeniyaa qaxxaamuree akka jiru odeeyfannoon ni addeessa. Yeroo irra deddeebiidhaan daangaa qaxxaamuran kanattis, waraanni Itiyoophiyaa poolisoota keeniyaa 3 ajjessuun, Meeshaa waraanaa kan saaman ta’uu odeeyfannoon websaayitii TUKO jedhamu irraa arganne ni mul’isa.
--------------
NuuralHudaa
wwww.nuuralhudaa.com
https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/

Comments