Koreewwanii fi Ustaazota hidhaa irraa hiikkamaniif badhaasni kenname
- Odeeyfannoo
- Oct 9, 2016
- 1 min read

Koreewwanii fi Ustaazota hidhaa irraa hiikkamaniif badhaasni kenname
Guyyaa kaleessaa Jama'an Sumayyootaafii Selamawii taagayooch koreewwanii fii Ustaazota hidhaa irraa hiikkamaniif Badhaasni kan kennameef tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Jama'an kun guyyaa qabsoon hawaasa muslimaa itti jalqabe irraa eegalee sochii cimaa kan godhaa turaan yoo tahu, Koreewwan fii Ustaazoota kanaaf aarsaa isaan kafalaniif kennaa adda addaa qopheessuun kan kennaniif tahuu beekameera.

Sagantaa kana irratti walitti qabaa koree kan tahe Ustaaz Abubakar Ahmad kennaa fi Ziyaaraa isaanii tasiisanii fi aarsaa sumayyoonni qabsoo kanaaf kafalaa turaniif galatoomfatuun du'aa'ii godhaniifii turan. Ustaaz Kaamil Shamsuutis sumayyootaaf dhaamsa dabarsuun kennaa fi badhaasa kana fudhataniiru.
Ustaazota hidhaa irraa hiikkaman maraaf Tishartii maqaan jama'aa kanaa irratti barreeyfame qopheeysuun uwwisaniif, Akkasumas geeba jama'aan qophesseef fuudhaniiru.
Koreewwan sagantaa qophaa'eef kanatti kan akkaan gammadan tahuus beekameera.

Comentarios