Waldaan Tokkummaa Muslimoota Ityoophiyaa magaalaa Riyaadiitti sagantaa Muhadaraa guddaa geggeessuun
- NuuralHudaa
- Sep 16, 2016
- 1 min read

Waldaan kun Aaliima guddaa biyya keennaa Sheekh Ahmad Musxafaatiin kan hoogganamu yoo tahu, kamisa galgala magaalaa Riyaadiitti sagantaa Muhadaraa guddaa kan geggeessan tahuu maddeen nuuf gabaasanii jiru.
Sagantaa kana irratti lammiiwwan biyya keennaa kan magaalaa Riyaadii fi naannawa ishii jiraatan kan irratti hirmaatan yoo tahu, Ulamaa'onni fi manguddoonnis irratti argamuudhaan qooda kan irraa fudhatan tahuu beekamee jira.
Ulamaa'ota sagantaa kana irratti qooda fudhatan jidduu √Sheekh Ahmad Musxafaa √Sheekh Khadiir Musxafaa √ Abu Zubeeyr fi Masha'iikoonni birootis hirmaatuu odeeyfannoon ni addeessa.
Sagantaan kun Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraatiin kan geggeeffame yoo tahu, Sheekh Ahmad Musxafaa Istiqaamaa diinii ilaalchisee dhaamsa bareedaa kan dabarsan yoo tahu, Sheekh Khadiir Musxafaa mata duree yaadannoo Aakiraa jettuun Afaan Oromootiin dhaamsa bareedduu hawaasa sagantaa irratti argameef dabarsuu beekamee jira.
Dhuma irrattis waldaan kun ibsa ijjannoo baasuun hawaasaaf dhiheesse. Ibsa ijjannoo kana irrattis Ibsa kanaan duraa irratti gocha seeraan alaa mootummaan Ityoophiyaa hawaasa irratti geessaa ture akka irraa deebi'u gaafataa turuu ibsuun, mootummaan gocha isaa kana irraa waan deebi'uu hin danda'iniif amma booda akka duraa kan hin kadhannee fi sadarkaa qabsoo ummanni biyya keessa geggeessaa jiru irratti hundaa'uun ummataa kan dhaabbatan tahuu,akkasumas ummanni sirnicha guutumaan guututti akka jijjiiramu waan gaafateef mootummaan cee'umsaa akka biyyatti keessatti ijaaramu ibsa kana irratti dhihaatee jira.
Sagantaa kana irratti shamarran 56 tahaniif badhaasni kan kenname fi Isaan jidduu immoo dubartoonni 10 badhaasa addaa badhaafamuun sagantichi goolabamuu maddeen nuuf gabaasani.
Comentarios