top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muslimoonni Asaasaa guyyaa har'aa Koreewwan hidhaa irraa hiikaman Ziyaaran

  • Odeeyfannoo
  • Sep 14, 2016
  • 1 min read

Muslimoonni Magaalaa Asaasaa Guyyaa har'aa, Magaalaa Finfinnetti argamuun koreewwan fala barbaadduu hawaasa muslimaa kan dhiheenya kana hidhaa irraa hiikaman ziyaaranii jiru. Magaalaan Asaasaa Finfinnee irraa 285km kan fagaattu yoo ta'u, hayyoonnii fi Dargaggeeyyiin magaalattii tokkummaan bahanii koreewwan hidhaa irraa hiikaman ziyaaranii jiru. Gama biraatiinis Maatii Ahmaddiin Jabal bira dhquun ijoollee fi maatii isaatiis jajjabeessaniiru. Magaalaan Asaasaa yeroo mormiin hawaasa muslimaa jalqabe irraa kaasee, hirmaannaa guddaa godhaa turtee jirti. Haala kanaanis Mootummaan yeroo duraatiif ummata Magaalaa Asaasaa irratti waraana labsee waggaa shan dura lammiilee nagayaa Afur ajjeesuun isaa ni yaadatama. Sochii hawaasa Muslimaa keessattis namni yeroo duraatiif magaalaa tana keessatti ajjeefame.koreewwaniifis kennaa garagaraa kennanii jiru.

Gootota Asaasaa Ziyaaraa isaanii Rabbi irraa haa qeebalu. Warra hafes hidhaa irraa nuu haa baasu

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page