top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ibsa Koree Furmaata Barbaadduu Hawaasa Musliima Itiyoophiyaa Irraa Kenname

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 14, 2016
  • 3 min read

Alhada, Fulbaana 01/2009 Finfinnee

Yaa Ummata Biyya keenyaa

Haala Yaaddessaa yeroo ammaa biyyi teenya keessa jirtuuf, Seenaa isii kan yeroo dheeraa fi kan yeroo gabaabaa keessatti; mirgi ummataa kabajamuu dhabuun, walqixxummaa fi mirgi walqixaa dalagaa irra ooluu dhabuun, walumaa galatti Diimokraasiin ummata cufa walqixa hirmaachisu dhabamuun isaa sababaa akka ta’e nama hundaaf ifa. Sababaa kanaaf ummannis gaafii Mirgaa qabatee dirretti bahee jira, Naannoowwan adda addaa hedduttis wareegamni lubbuu kafalamee jira. Akka guutuu biyyaatittis ammaan tana cinqaa guddaa keessa seennee jirra.

Mormiin ummataa kun cunqursaa bara dheeraaf walirratti tuulamaa ture irraa kan madde malee, waanuma guyyaa takkaan dhalatee miti. Mootummaan biyya bulchaa jirus, gaafii ummataatiif bakka hin kennu, akkasumas ummata madda aangoo ta’es akkaan tuffata. Sababaa kanaaf, Ummata Mirga namummaa fi Gaafii seeraa, karaa nagayaan gaafatu hunda akka diinaatitti laakkawuun, Shoorarkeessummaan himataa turee jira. kana mirkaneeyfachuuf, haala mootummaan muslimoota biyya keenyaa, kan gaafii mirga lammummaa gaafatan itti keeysummeeyse laaluun gahaadha. Murteen Koree fala barbaadduu hawaasa musliimaatii fi gargaartota isaanii irratti dabarfame, sirni haqaa biyya keessa akka hin jirree fi Mootummaan sirna haqaa maqaaf qabu dhimma siyaasaa dhuunfaa ofii ittiin geggeeffachuun kan ummata ittiin cunqursu ta’uu isaa agarsiisa. Kanaaf, Ummanni mirgi isaa sarbamee, sagaleen isaa ukkaamfames dirretti bahee sirna kana mormaa jira.

Lammiileen biyya keenyaa kan biyya keessaa fi biyya alaa jiranis, rakkoo amma mudate tana of eeggannaa guddaan keessummeessuu akka qaban amanna. Fedhii fi Gaafiin ummataa deebii argatee, siyaasaan jibbansaa fi fedhii saba tokkoo qofa irratti bu’uraawes barbadaawuu qaba. Bakka sanittis sirni mirga namoomaa fi walabummaa itti kabajamu, sirni lammiileen wal kabajuun jaalalaan waliin itti jiraatan, sirni walqixxummaa ummataa itti kabajamu akkasumas sirni olaantummaan seeraa itti kabajamu ijaaramuu qaba.

Humna waraanaa fayyadamuun gaafii ummataa ukkaamsuun akka hin danda’amne mootummaan beekuu qaba. Dachii tana irrattis humni gaafii ummataa dhaabsisuu danda’u akka hin jirre hubatamuu qaba. Tarkaanfii humna waraanaa ummata irratti fudhachuun amma booda furmaata hin ta’u. ummannis amma booda olola dharaa gurra ittiin dhagahu hin qabu. Kanaa mannaa, mootummaan itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf, ejjannoo qabuu fi aantummaa paartii siyaasaa isaatiif qabu irraa of walaboomsee, ilaalcha biyyummaatiin guutamee, gaafiiwwan dhihaatan hundaaf furmaata barbaaduu irratti hojjachuu qaba. Dabalataanis lammiileen caasaa mootummaa keessa jiranii fi namoonni aangoo qabanis, waan biyyaa fi ummataa faaydaa qabu raawwachuudhaan dirqama lammummaa ofii bahuu qabu.

Abbootiin amantii fi Manguddoonni biyyaatis fedha ummataa fi dhugaa cinaa dhaabbachuun, rakkoon amma jirtu tun karaa nagayaan akka furamtu, mootummaa gorsuu fi qeequu qaban. Akkasumas ummanni jaalalaa fi obbolummaan akka waliin jiraatu, barsiisuun dirqama isaanii waan ta’eef, dirqama amantii fi biyyaa tana galmaan gahuuf carraaquu qabu. Wanti irraa eeggamu osoo kana ta’ee jiruu, faallaa isaatiin, hooggantoonni Majliisa mootummaa garuu, yeroo garagaraatitti mootummaan ummata irratti tarkaanfii akka fudhatu jajjabeessaa turanii jiru. Haa ta’uu malee, hoggantoonni majliisa mootummaafii yaadni isaan kennanis, ummata muslimaa kan bakka hin buune ta’uu nuti hunduu ni beekna.

Jaalatamtoota Muslimoota biyya keenyaa,

Waggoota dabran shananiif, gocha seeraan alaa mootummaan amantii Islaamummaa keessa seenuun raawwate ifatti mormitanii jirtu. Bilisummaa amantii keessanii kabajsiisuuf jecha, hanga har’aatti karaa nagayaatiin falmachaa turtan. Ifaajee teessan tanaaf Rabbiin ol aane jazaa isinii haa deebi’u.

Yaa Ummata keenya!

Walabummaa fi Mirgi namummaa qabeenya ilma namaati. Namni qabeenyi kun irraa saamamee dhiitame ammoo, qabeenya kana deebifatee dhuunfachuu irratti wal’aansoo gochuun dirqama isaati. Mirga namummaa fi walabummaa ilma namaa ta’uu keenyaan goonfanne kabajsiisuun, dhimma lubbuu waan ta’eef, namni hunduu fardeeffatee irratti hirmaachuu akka qabu, hubachiisuu barbaanna. Kanaafuu Muslimoonni biyya keenyaa kan biyya keessaa fi biyya alaatti argamtanis, biyyi teenya biyya walabummaan lammiilee itti kabajamee, biyya haqni keessatti dagaagee fi walqixxummaan keessatti mirkanaaye akka taatu, lammiilee biyyatti cufa wajjiin tokkummaan qooda keeysan akka baatan isin hubachiisuu barbaanna. Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad ﷺ osoo amantii fi gosaan wal hin qoodin, haqaaf akka dhaabbannu nu barsiisanii, Gochaanis agarsiisanii jiru.

Yaa Ummata biyya keenyaa!

Hayyoonni biyya keessaa fi biyya alaa jiran, akkasumas aktiivistoonni, yaada furmaataa nama hunda tokkoomsuun, rakkoo guddoo biyyi teenya keeysa jirtu hambisuuf halkaniifi guyyaa hojjachuu qabu. Haasawaa fi Ibsi Hayyoota siyaasaatis, ilaalacha obbolummaa fi tokkummaa hawaasaa cimsee, akkasumas ilaalacha siyaasaa jibbanasa irraa fagaatee, dhiifama walii gochuu irratti xiyyeeffatee, kan tarkaanfachiisuu ta’uu qaba jennee amanna. Haala kanaanis siyaasaa jibbansaa, haaloo fi loogiidhaan guutame dachii tanarraa dhabamsiisuu dandeenya amantii jedhu qabna.

Ololaa fi haasawa jibbansaa saba tokko ykn hawaasa tokko arrabsuu fi maqaa xureessu of irraa eeguu qabna. Ololli akkanaa kun wajjiin jireenya keenya nu jalaa booressa. Kanaaf lammiileen hundi isaaniituu tokkummaan, ilaalchota hawaasa diiganii fi farra ummataa ta’an ofirraa eeguu qabu.

Lammiileen biyya keenyaa kaabaa hanga kibbaa, bahaa haga dhihaa jiran, obbolummaa baroota hedduuf ture eeguun, biyya saba hundaaf walqixa taate ijaaruuf ciminaan akka hojjachuuu qaban dhaamna. Dabalataanis wareegama akka naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti akkasumas naannoolee birootti kafalameen, lubbuu badeef gadda nutti dhagahame ibsachaa, Firoottanii fi Hiriyyoota isaaniitiif akkasumas lammiilee biyyaa hundaaf Rabbi obsa akka kennu jenna.

Biyyi teenya, biyya haqni itti dagaage, nageenyi keessatti babal’ateefi gama misoomaatiinis biyya badhaate akka taatuuf, jabeessinee du’aa’ii akka goonu dhaamsa dabarsina.

Yaa Rabbi! Biyya teenya biyya walabummaa, biyya haqaa, dachii walqixxummaa fi Nageenyaa nuu taasisi. Akkasumas biyya jireenyaaf mijooytuu, gama qabeenyaanis ta’ee gama hamileen ol aantuu akka nuuf gootu halkanii guyyaa si kadhanna.

Aamiin!

Commentaires


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page