Jama'aan Muslima Magaalaa Shaashamannee koree furmaata barbaaduu hawaasa muslimaa Ziyaaran.
- NuuralHudaa
- Sep 13, 2016
- 1 min read

Muslimoonni kun konkolaataa minibaasii 6 gutuun gara magaalaa Finfinnee dhaqanii koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa kan ziyaaran yoo tahu isaan jidduu Aalimoonni fi Du'aatonnis kan argaman tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Sagantaa Ziyaaraa kana irratti hiikkamuu koreetti gammachuu isaanii kan ibsatan yoo tahu, muslimoonni ammas hidhaa irra waan jiraniif gammachuun isaanii guutu kan hin ta'in tahuu ibsanii jiru.
Muslimoonni kunniin manneen koree hundaa irra deemuun ka ziyaaran yoo tahu, Ulamaa'onni isaan waliin jiran du'aa'ii godhuun koree hunda Kumbula gurguddaa uffisuu isaanii odeeyfannoon argame ni addeessa.
Koreenis ziyaaraa kanatti akkaan gammaduun Ustaaz Kaamil Shamsuu fi Ustaaz Badruu Husseen Imimmaan buusanii kan booyaa turan tahuus beekamee jira.
Odeeyfannoo walfakkaatuun koreewwan keenya kan hiikkamanis maatiiwwan koree hin hiikkaminii guyyaa hardhaa kan ziyaaraa turan tahuus beekamee jira.
Hawaasni muslimaas koree hiikkaman Ziyaaruu osoo hin tahin maatiiwwan koree hidhaa irratti argamanii ziyaarutti akka xiyyeeffatan dhaamsa dabarsanii jiru.
コメント