Muummichi Ministeera Ityoophiyaa fincila Oromiyaa fi Naannoo Amaaraa keessatti geggeeffamaa jiru il
- Odeeyfannoo
- Aug 31, 2016
- 1 min read

Mootummaan fincila yeroo ammaa kana ummanni naannoo adda addaatti gaafii mirgaa kaasuun gaggeessaa jiru irratti, gaafii ummanni kaase kana jallisuu itti fuufee jira.
Muummichi ministeeraa ibsa guyyaa kaleessaa TV biyyatti irratti kenneen, gaafiin eenyummaa ummanni Oromoo fi Amaaraa kaase dadhabina Hooggantoonni keennaa calanqisiisa eega jedhee booda ammas deebi'uun, gaafiin ummata kun kaka'uumsa humnoota alaa kan farra misoomaa ta'aniin kan kaafame jechuun, gaafii ummataa kalattii jijjiiruuf yaalee jira.
Ummanni yeroo ammaa kana naannoo adda addaatti, sirnichi akka aangoo lakkisu gaafatuun fincila kan geggeessaa jiru yoo tahu, mootummaan garuu akkuma kanaan dura godhaa ture gaafiin ummatni kaase hanqina bulchiinsa gaarii hooggantoota keenna irraa kan madde jechuun ummata sobuuf Yaalaa jira.
Fincilli ummani naannoo adda addaatti kaase kun kan mootummaa rifachiise tahuun beekamee jira
___________
NuuralHudaa
Comments