top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Hooggaanaan partii mormituu Keeniyaa Filannoo prezdantummaa irratti kan hin hirmaanne ta’uu beeksise

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 14, 2017
  • 1 min read

Hooggaanaan partii mormituu Keeniyaa Filannoo prezdantummaa irratti kan hin hirmaanne ta’uu beeksise.


Raayilaa Odiingaa Paartii mormituu Keeniyaa bakka bu’uudhaan kaadhimama Prezadantii kan ture yoo tahu, Filannoo irra deebii Onkololeessaa 26 adeemsifamu irraatti kan hin hirmaanne tahuu labse. Ibsa guyyaa hardhaa waaree booda miidiyaaleef kenneen akka jedhetti, komishiiniin filannoo guutumaan guuttutti harka qondaaltota paartii Uhuruu keeniyaataa jalatti galeera. Filannoo sobaa irratti hirmaachuun kiyya biyyattidhaaf bu’aa hin qabu jedhe.




“Komishiiniin filannoo biyyattii akka haarayaatti ijaaramuu qaba, kanaafuu filannoo onkololeessaa 26 yaadame haquudhaan filannoo haarayaaf kaadhimamtoota galmeessuu qaba” jechuun komishinichaaf waamicha godhe.


Mr Odingaan itti dabaluudhaan, Keeniyaan Heera haarayaa fi biyyaa parrtiilee hedduu qabdu akka taatu falmii cimaa geggeessineen mkirkaneeffanneera, ammas biyya filannoon haqa qabeessa keessatti geggeeffamu akka taatu ni falmina jedhe. Kanaaf ammoo guutuu biyyattiitti guyyaa boruu irraa jalqabee hiriira mormii kan yaame tahuu beeksise.


Gama biraatiin ammoo paartiin Uhuruu Keeniyaataa filannoon yaadame haaluma duraan murtaayeen itti fufa jechuun beeksise.


___

  • Application NuuralHudaa download godhuuf

  • Android https://goo.gl/Ieo7dv

  • iPhone https://goo.gl/y7n0In

  • iPad https://goo.gl/Yf9a8x

  • NuuralHudaa

  • https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/

  • https://twitter.com/NuuralHudaa

  • www.nuuralhudaa.com




 
 
 

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page