top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Hamaas fi Fatahan walii galtee mallatteessan.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 14, 2017
  • 2 min read

Hamaas fi Fatahan walii galtee mallatteessan.

Odeeyfannoo

October 12/2017


Paartileen Falasxiin Hamaasii fi Fatahan waldhabdee jidduu isaanii waggaa 10 ol ture furuuf, magaalaa guddoo Masrii Kaayiroo keessatti guyyaa hardhaa waliigaltee mallatteessan. Ibsa guyyaa hardhaa waaree booda hoggantoonni partiilee lamaanii waliin kennaniin, Waliigaltee bara 2011 kan mootummaa tokkummaa ijaaruu jedhu, hojii irraa kan oolchan ta’uu labsan.


Dursaan jila garee Fatah Azzam al-Ahmad akka jedhetti, daangaan Rafah kan Gaazaa fi Masrii walqunnamsiisu,Ji’a dhufu November1 irraa jalqabee too’annaa waardiyyoota mootummaa Falasxiin kanneen Pirazadant Mahmuud abbaas ajajaman jalatti akka deebi’u walgaluu isaanii hime.


Saleh al-Arouri, itti aanaan dhimma siyaasaa paartii Hamaas gamaa isaatiin, “Masri waliigalteen kun akka milkaayuuf gargaarsaa fi Carraaqqii gooteef ni galatoomfanna. Dhimmi Falasxiin dhimma Masriiti” jedhe.


Akka Walgaltee kanaatti mootummaa tokkoome ijaaruudhaaf, yeroo waggaa tokko keessatti, Filannoon Pirazadantii fi bakka bu’oota manamrii biyyoolessaa kan geggeeffamu ta’a. Filannoon durattis, mootummaan ce’umsaa paartiilee lamaan irraa kan ijaaramu ta’a.


Ji’a dabre keessa Paartiin Gaaza bulchaa ture Hamaas, bulchiinsa isaa diiguudhaan mootummaan Mahmuud AbbaAs gara Gaazaa deebi’ee akka bulchuu waamicha dabarse. Akkasumas paartii Fatah kan Ramallah keessa qubatuun “west bank” bulchaa jiru waliin, haalduree tokko malee mootummaa tokkoome ijaaruu irratti haasayuudhaaf qophii ta’uu isaa beeksise.


Kanuma hordofuudhaan, muummichi ministera Falasxiin Raami Hamdallah, Gaazaa kan daaw’ate yoo tahu, mootummaan isaa itti gaafatamummaa Gaazaa fudhatuun kan bulchu tahuu labse.


Bara 2007 Gareen Hamaas filannoodhaan paartii Mahmuud Abbas Fatah hinjifatee ture. Haata’u malee waldhabdee too’annaa barcuma paarlaamaa irratti ka’een, paartiileen lamaan lola cimaa keessa seenan. Hamaas garee Fatah Gaazaa keessaa ari’uudhaan waggoota kurnan dabraniif Sulula Gaazaa bulchaa kan ture yoo tahu, Fatahn ammoo qarqara gama dhihaa “West Bank” qofa bulchaa ture.


Waliigalteen kun haala hamaa lammileen Falasxiin keessattuu kannneen magaalaa Gaazaa yeroo ammaa keessa jiran ni woyyeessa. Fuuldurattis qabsoo bilusummaa ummanni Falasxiin, mootummaa yahuudotaa jalaa bahuuf godhaa jiruuf, hedduu barbaachisaa akka ta’e gabaasni Aljaziiraa irraa arganne ni mul’isa.

_

  • Application NuuralHudaa download godhuuf

  • Android https://goo.gl/Ieo7dv

  • iPhone https://goo.gl/y7n0In

  • iPad https://goo.gl/Yf9a8x

  • NuuralHudaa

  • https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/

  • https://twitter.com/NuuralHudaa

  • www.nuuralhudaa.com

 
 
 

Commentaires


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page