Ameerikaa kutaa Kaalifoorniyaa keessatte ibiddi ka’e lubbuu namaa galaafate.
- NuuralHudaa
- Oct 14, 2017
- 1 min read

Ameerikaa kutaa Kaalifoorniyaa keessatti ibiddi ka’e, yoo xiqqaate lubbuu namoota10 galaafate. Ibiddi kun iddoo adda addaa 14tti kan qabate yoo tahuu, keessattu naannawa lafa qonna Inabaatiin beekkamu barbadeessaa jira. Ibiddi Saa’atii tokkotti Kilomeetra 80 saffisu, magaalaa Santa Rosa jedhamtu keessatti, Hospitaala, Dukkaalee fi manneen jireenyaa dabaleetee waluma galatti maneen 1500 ol barbadeesse.
Baddaan Naappaa muka Inabaatiin beekkamus garmalee miidhame. Naannoolee Naappaa, Sonomaa fi Yubaa keessaa, ibidda seenaa naannichaatti hamaa ta'e kanaan namoonni 20,000 ol tahan qe’ee isaanii irraa baqataniiru.

Bulchaan Kaalifoorniyaa labsii yeroo hatattamaa labsuu ilaalchisee ibsa baaseen, ''Ibiddi kun manneen hedduu barbaddeesse, kanneen kumaatamaan lakkaa'aman ammoo yaaddesseera. Kun ammoo namoonni kumaatamaan lakkaa'aman qe'ee isaanirraa akka godaanan taasiseera,'' jedhe.
Ka'umsi ibidda Alhada galgala ka'e kanaa haga yoonaa hin beekamne. Ibiddi garmalee hatattamaan qabatu kun, bubbee cimaa fi qilleensa ho'aa fi gogaa taheen babal'achaa kan jiru tahuu gabaasni VOA irraa arganne ni mul’isa.

___
Application NuuralHudaa download godhuuf
Android https://goo.gl/Ieo7dv
iPhone https://goo.gl/y7n0In
iPad https://goo.gl/Yf9a8x
NuuralHudaa
https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/
https://twitter.com/NuuralHudaa
www.nuuralhudaa.com
Comments