Namoonni galmee sirna Hajjii bara kanaa raawwachuuf gara Finfinnee deeman rakkataa jiraatuun gabaafa
- NuuralHudaa
- Aug 10, 2017
- 1 min read

Namoonni galmee sirna Hajjii bara kanaa raawwachuuf gara Finfinnee deeman rakkataa jiraatuu gabaafame.
Namoonni Sirna hajjii bara kanaa raawwatuuf naannoo adda addaa irraa galmeef gara magaalaa Finfinnee deeman, tajaajila gahaa dhabuu irraan kan kahe rakkataa jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Iddoo galmeen itti geggeeffamu, gara waajjira dhimma Hajjii fi Umraatti deemnee namoota galmeef naannoo adda addaa irraa dhufan kan dubbisnee yoo ta’u, sababa tajaajila gahaa dhabuu irraan kan kahe dararamaa jiraatuu nuuf himan.
Akka namni naannawa Jimmaa irraa dhufe tokko nuuf himetti "Guyyaa as dhufe irraa hanga ammaatti nama na dubbisu hin arganne; guyyaa as dhufe irraa jalqabee robin guyyaa guyyaan asitti natti rooba; nyaatumaafuu iddoo kanarraa hin deemu; hedduu rakkataa jira, dararaan isaan nurraan gayaa jiran kun niyyaa hajjii nuti baaneef nurraa balleessaa jira" jedhe.
Sirna Hajjii bara kanaa raawwatuuf mataa nama tokkootiin qarshii 78,000 kan gaafataa jiran tahuus odeeffannoon arganne ni addeessa.
Comments