Baqattoonni 50 ol galaana Diimaa keessatti gatamuun gabaafame.
- NuuralHudaa
- Aug 10, 2017
- 1 min read

Baqattoonni lammii Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa ta’an 50 ol, namoota isaan deddeebisaniin bidiruu deemaniin irraa humnaan qabamanii gara galaana diimaa keessatti kan gataman ta’u, dhaabbata mootummoota gamtoomanitti ejensiin baqattootaa (IOM) gabaaseera.
Akka gabaasa IOM kanatti, hojjattoonni dhaabbatichaa qarqara galaanaa diimaa gamma Yaman irratti, namootni lubbuun hafan reeffa namoota 29 boolla tokko keessatti awwaaluu isaanii kan ijaan argan ta’uu himan. Ammas reeffi namoota 22 kan hin argamin ta’uu namoota lubbuun hafan kana irraa hubachuu isaanii gabaasaniiru.
Namootni baqattoota qarqara Jibuutiitifi Somaaliyaa irraa deddeebisan kunniin, erga walwaraansi Yaman jalqabee asitti, daranuu hujii seeraan alaa kana sodaa tokko malee cimsanii kan itti fufan tahuu gabaafameera.
Baqattootni ammaa kun irra caalaan isaanii dargaggoota umriin isaanii 16-18 tilmaamamu tahuu gabaasni Aljazeeraa irraa arganne ni mul’isa.

_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments